Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Jaalala Amanamaa Yihowaa Hordofaa

Jaalala Amanamaa Yihowaa Hordofaa

Yihowaan jaalala amanamaa argisiisuu irratti fakkeenya hunda caalu nuuf taʼa. (Fr 103:11) Jaalalli akkasii miira jaalalaa yeroo muraasaaf qofa namatti dhagaʼamee badu miti. Jaalalli amanamaan hariiroo cimaa yeroo dheeraadhaaf turu dabalata. Yihowaan saba isaa Israaʼelitti amala kana karaa baayʼeedhaan argisiiseera. Garbummaa warra Gibxii jalaa isaan baasee Biyyattii Abdachiifamtetti isaan galcheera. (Fr 105:42-44) Saba isaaf loleera, akkasumas yeroo cubbuu raawwatanitti irra deddeebiʼee dhiifama isaaniif godheera. (Fr 107:19, 20) Waaʼee ‘gochawwan Yihowaa warra jaalala isaa isa amanamaa irratti hundaaʼanii of eeggannoodhaan yommuu ilaallu’ isa fakkaachuuf kakaana.—Fr 107:43.

VIIDIYOO ‘GOCHAWWAN YIHOWAA WARRA JAALALA ISAA ISA AMANAMAA IRRATTI HUNDAAʼAN OF EEGGANNOODHAAN ILAALAA’ JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Jaalala amanamaa argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

  • Jaalala amanamaa argisiisuun aarsaa kaffaluu kan gaafatu maaliifi?