Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Nu Tajaajiluuf Jecha Jabaatanii Hojjetu

Nu Tajaajiluuf Jecha Jabaatanii Hojjetu

Ilaaltonni olaanoo aanaa fi haadhotiin manaa isaanii obboloota tajaajilanitti jaalala fedhii ofii aarsaa godhu argisiisu. Akkuma keenya isaanis dhuunfaadhaan wanti isaan barbaachisu jira; darbee darbeemmoo dadhabbiin, abdii kutannaanii fi dhiphinni isaanitti dhagaʼama. (Yaq 5:17) Taʼus torban torbaniin, obbolootaa fi obboleettota gumii daawwatan keessa jiran jajjabeessuu irratti xiyyeeffatu. Dhugumayyuu ilaaltonni olaanoo aanaa “ulfina guddaa argachuu qabu.”—1Xi 5:17.

Phaawulos gumii achi jiruuf “kennaa hafuuraa” kennuuf jecha Roomaa daawwachuuf yeroo karoorfatetti, isaanii wajjin ‘wal jajjabeessuuf’ hawwiidhaan eeggataa ture. (Rom 1:11, 12) Ilaaltuu olaanaa aanaa keessanii fi gaaʼela dhaabbateera yoo taʼemmoo haadha manaa isaa akkamitti akka jajjabeessitan yaaddanii beektuu?

VIIDIYOO ILAALTUU OL AANAA AANAA NAANNOO BAADIYYAA DAAWWATU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Ilaaltonni olaanoo aanaa fi haadhotiin manaa isaanii jaalala fedhii ofii aarsaa godhu gumiitti kan argisiisan akkamitti?

  • Carraaqqiin isaan godhan dhuunfaatti kan si fayyade akkamitti?

  • Isaan jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti?