Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hagayya 26–Fulbaana 1

FAARFANNAA 78

Hagayya 26–Fulbaana 1

Faarfannaa 97 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Israaʼeloonni Amanamoo Utuu hin Taʼin Hafan Fakkeenya Akeekkachiisaa Nuuf Taʼu

(Daq. 10)

Israaʼeloonni wantoota dinqisiisoo Yihowaan isaaniif godhe irraanfataniiru (Fr 78:11, 42; w96-AM 12/1 29)

Qophii Yihowaan isaaniif godhe utuu hin dinqisiifatin hafaniiru (Fr 78:19; w06 8/1 6 key. 16)

Israaʼeloonni dogoggora isaanii irraa barachuu mannaa, irra deddeebiʼanii amanamoo utuu hin taʼin hafaniiru (Fr 78:40, 41, 56, 57; w11-AM 7/1 10 key. 3-4)


KANARRATTI XIINXALI: Yihowaadhaaf amanamoo utuu hin taʼin akka hin hafne maaltu nu gargaara?

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 78:24, 25—Mannaan “midhaan samii” fi “nyaata warra jajjaboo” kan jedhame maaliifi? (w06-AM 7/15 11 key. 5)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeeri. (lmd barumsa 5 qabxii 5)

5. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Marii jalqabuuf tiraaktii tokkotti fayyadami. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu akka jalqabu affeeri. (lmd barumsa 5 qabxii 4)

6. Marii Jalqabuu

(Daq. 1) MANAA GARA MANAA. Namni haasofsiistu ergaa kee akka gabaabsitu si gaafate. Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeeri. (lmd barumsa 2 qabxii 5)

7. Marii Jalqabuu

(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Waaʼee Kitaaba Qulqulluu utuu itti hin kaasin haasaama keessa namni sun Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu kee akka beeku godhi; achiis, Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeeri. (lmd barumsa 2 qabxii 4)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 96

8. Fakkeenya Filiphoos Irraa Baradhaa

(Daq. 15) Mariidhaan kan dhihaatu.

Kitaabni Qulqulluun namoota fakkeenya gaarii taʼanis taʼe fakkeenya gaarii hin taane hedduu qabateera. Fakkeenya isaanii irraa fayyadamuudhaaf, yeroo ramadnee isaanirraa barachuuf carraaquu; akkasumas, barumsa arganne irratti xiinxaluu fi gocha keenya irratti sirreeffama gochuu qabna.

Filiphoos inni lallabaa wangeelaa ture, Kiristiyaana ‘hafuura qulqulluu fi ogummaadhaan guutame’ ture. (HoE 6:3, 5) Fakkeenya isaa irraa maal baranna?

VIIDIYOO Isaan Irraa Baradhaa—Filiphoos isa Wangeela Lallabu jedhamu taphachiisi. Achiis, dhaggeeffattoonni gama armaan gadiitiin Filiphoos irraa maal akka baratan gaafadhu:

  • Yeroo haalli isaa akka tasaa jijjiirametti wanta Filiphoos godhe irraa maal barattan?—HoE 8:1, 4, 5

  • Bakka gargaarsi caalaatti barbaachisu fedhaan deemuudhaan eebba inni argate irraa maal barattan?—HoE 8:6-8, 26-31, 34-40

  • Eebba Filiphoosii fi maatiin isaa keessummaa simachuu isaaniitiin argatan irraa maal barattan?—HoE 21:8-10

  • Gammachuu maatiin viidiyicha irratti argamu fakkeenya Filiphoos hordofuudhaan argate irraa maal barattan?

9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 101 fi Kadhannaa