Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hagayya 5-11

FAARFANNAA 70-72

Hagayya 5-11

Faarfannaa 59 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Waaʼee Humna Waaqayyoo ‘Dhaloota Itti Aanutti Himaa’

(Daq. 10)

Daawit ijoollummaa isaatti eegumsa Yihowaa argateera (Fr 71:5; w99-AM 9/1 18 key. 17)

Daawit yeroo dulloometti gargaarsa Yihowaa argateera (Fr 71:9; g04-AM 11/8 23 key. 3)

Daawit ijoolleetti muuxannoo isaa himuudhaan isaan jajjabeesseera (Fr 71:17, 18; w14 1/15 23 key. 4-5)

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Gumii keenya keessa namni waggoota hedduudhaaf dhugaa baatuu taʼee tajaajilee fi Waaqeffannaa Maatii keenya irratti gaafannoo gochuufii dandeenyu jiraa?’

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 72:8—Abdiin Yihowaan Abrahaamiif kennee fi Uumama 15:18 irratti argamu yeroo bulchiinsa Mooticha Solomoonitti raawwii isaa kan argate akkamitti? (it-1-E 768)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Namni haasofsiistu falmii yeroo jalqabu, yaada gaarii dubbachuudhaan maricha xumuri. (lmd barumsa 4 qabxii 5)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Fira kee kanaan dura Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf mamee turee wajjin marii keessan itti fufaa. (lmd barumsa 8 qabxii 4)

6. Wanta Itti Amantu Ibsi

(Daq. 5) Haasaa. ijwfq 49—Mata duree: Dhugaa Baatonni Yihowaa Wantoota Itti Amanan Tokko Tokko kan Jijjiiran Maaliifi? (th qoʼannaa 17)

AKKA KIRSITIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 76

7. Yaada Waaqeffannaa Maatiif Taʼu

(Daq. 15) Mariidhaan kan dhihaatu.

Waaqeffannaan Maatii yeroo barbaachisaa ijoolleen “adabaa fi gorsa Yihowaa” itti baratanidha. (Efe 6:4) Barachuun carraaqqii gaafata. Taʼus, ijoolleen fedhii dhugaa Kitaaba Qulqulluu beekuuf qaban yeroo guddifachaa deeman caalaatti jaallatu. (Yoh 6:27; 1Ph 2:2) Saanduqa “ Yaadawwan Waaqeffannaa Maatiitiif Taʼan” jedhuu fi maatiin Waaqeffannaan Maatii isaanii barumsi kan irraa argatamuu fi gammachiisaa akka taʼu gochuuf gargaaru ibsi. Achiis, gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa:

  • Yaadawwan asirratti dhihaatan keessaa isa kam yaaluuf yaaddan?

  • Yaanni gaariin argattan kan biraan jiraa?

VIIDIYOO Waaqeffannaa Maatii keessan fooyyessuu keessan itti fufaa jedhamu taphachiisi. Achiis, akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Maatiin sun ijoollee hin qabu taanaan, abbaan manaa tokko waaqeffannaan maatii isaanii haadha manaa isaatti akka tolu gochuu kan dandaʼu akkamitti?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 123 fi Kadhannaa