Amajjii 11-17
2 SEENAA 33-36
Faarfannaa 35 fi Kadhannaa
Yaada Seensaa (Daq. 3 ykn isaa gadi)
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
“Yihowaan Garaadhaa Qalbii Geddarachuudhaaf Iddoo Guddaa Kenna”: (Daq. 10)
2Sen 33:2-9, 12-16—Minaaseen garaadhaa qalbii waan geddarateef dhiifama argateera (w05-AM 12/1 21 key. 6)
2Sen 34:18, 30, 33—Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluun jijjiirama guddaa nu irratti fiduu dandaʼa (w05-AM 12/1 21 key. 11)
2Sen 36:15-17—Gara laafinnii fi obsi Yihowaa akka laayyootti ilaalamuu hin qabu (w05-AM 12/1 21 key. 8)
Dubbii Waaqayyoo Gadi Fageenyaan Qoruu: (Daq. 8)
2Sen 33:11—Yommuu Minaaseen gara Baabilonitti geeffame raajii isa kamtu raawwatame? (it-1-E 62 key. 2)
2Sen 34:1-3—Fakkeenya Yosiyaas irraa jajjabina akkamii argachuu dandeenya? (w05-AM 12/1 21 key. 7)
Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torban kanaa waaʼee Yihowaa maal na barsiisa?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa qabxiin tajaajila irratti itti fayyadamuu dandaʼu isa kami?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: 2Sen 34:22-33 (Daq. 4 ykn isaa gadi)
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
Guyyaa Jalqabaa: (Daq. 2 ykn isaa gadi) Mata duree Masaraa Eegumsaa jiʼichaa itti argisiisi. Deddeebii gaaffiidhaaf haala mijeessi.
Deddeebii Gaaffii: (Daq. 4 ykn isaa gadi) Nama mata duree Masaraa Eegumsaa jiʼichaa irratti hundaaʼuudhaan haasofsiisnee fi deebii gaarii kenneef deddeebii gaaffiin akkamitti akka godhamu hojiin argisiisaan dhiheessi. Deebitee dhaquudhaaf haala mijeessi.
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 6 ykn isaa gadi) Yommuu qoʼannaan geggeeffamu hojiin argisiisaan dhiheessi. (bh 9-10 key. 6-7)
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Faarfannaa 21
Yaada Garaa Geddarachuun Barbaachisaa Dha: (Daq. 10) Haasaa jaarsa gumiidhaan dhihaatu. (w06 11/15 27-28 key. 7-9)
Waliif Dhiisaa: (Daq. 5) Mareedhaan kan dhihaatu. Viidiyoo Michuu Yihowaa Taʼi jedhamu keessaa Dhiifama Godhi kan jedhu taphachiisi. (jw.org/om baniitii kutaa VIDIYOO > MICHUU YIHOWAA TAʼI jedhu jala ilaali.) Achiis, ijoolleen barumsa akkamii akka argatan yaada akka kennan afeeri.
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: cf boq. 16 key. 7-14 (Daq. 30)
Irra Deebii fi Yaada Gabaabaa Barumsa Torban Itti Aanuu (Daq. 3)
Faarfannaa 35 fi Kadhannaa