Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Deddeebii Gaaffiidhaaf Haala Mijeessuu

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Deddeebii Gaaffiidhaaf Haala Mijeessuu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Sanyii dhugaa facaasne bishaan obaasuu barbaadna. (1Qor 3:6) Nama fedhii argisiise yommuu argannu, gaaffii yeroo itti aanu irratti mariʼachuu dandeenyu kaasuun keenya gaarii dha. Kun immoo namni sun yeroo deebinee itti dhaqnu hawwiidhaan akka eeggatu, akkasumas qophiin deddeebii gaaffiidhaaf goonu akka nuuf salphatu godha. Yommuu deebinee deemnu, gaaffii yeroo darbe kaasneef deebii kennuuf akka dhufne isatti himuu dandeenya.

KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Akkaataa dhiheenyaa manaa gara manaa yommuu deemtan itti fayyadamtan yeroo qophooftan, gaaffii yeroo deebitanii dhaqxan deebistanis qophaaʼaa. Gaaffiin sun barreeffama isaaf kennitan irratti kan deebii argatu taʼuu dandaʼa. Yookiin barreeffamawwan qoʼannaa yeroo deebitanii deemtan itti argisiisuuf karoorfattan keessaa tokko irratti deebii kan argatu taʼuu dandaʼa.

  • Nama fedhii argisiise tokkoo wajjin mariʼattanii erga xumurtanii booda, yeroo kan biraattis maree keessan itti fufuu akka barbaaddan itti himaa, achiis gaaffii yeroo itti aanutti irratti mariʼattan itti himaa. Dandaʼamnaan teessoo isaa fudhadhaa.

  • Yeroo itti deebitan yoo isatti himtan beellama keessan eegaa.—Mat 5:37.