Yihowaan Tajaajiltoota Fedhiidhaan Isaaf Hojjetan Barbaada
Izraan gara Yerusaalemitti deebiʼuuf qophii godhe
-
Izraan Yerusaalemitti deebiʼee waaqeffannaa Yihowaa achi jiru babalʼisuuf Artashaastaa Mooticha irraa heyyama argate
-
Mootichis mana Yihowaatiif “wanta inni gaafate hundumaa,” jechuunis warqee, meetii, qamadii, daadhii wayinii, zayitii fi soogidda Izraadhaaf ni kenne; gatiin wantoota kanaa yeroo ammaatti doolaara Ameerikaa 100,000,000 ol taʼa
Izraan Yihowaan tajaajiltoota isaa akka eegu isatti amanameera
-
Gara Yerusaalemitti deebiʼuun rakkisaa dha
-
Karaan irra deemanii taʼuu dandaʼu gara kiiloo meetira 1,600 siʼa taʼu, naannoo balaadhaaf nama saaxilu keessa qaxxaamuruu gaafata
-
Karaan isaa gara jiʼa 4 isaanitti fudhate
-
Namoonni deebiʼan amantii cimaa, waaqeffannaa dhugaatiif hinaaffaa qabaachuu fi ija jabeeyyii taʼuu qabu turan
WANTOOTA IZRAAN FUDHATEE DEEME
Warqii fi meetii taalaantii 750 (gara 26500 kg) ol ulfaatu
RAKKOOWWAN NAMOOTA DEEBIʼAN IRRA GAʼAN
Tuuta shiftaa, gammoojjii, bineensota daggalaa hamoo