Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amajjii 4-10

2 Seenaa 29-32

Amajjii 4-10
  • Faarfannaa 37 fi Kadhannaa

  • Yaada Seensaa (Daq. 3 ykn isaa gadi)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

  • Waaqeffannaa Dhugaan Ciminaan Hojjechuu Gaafata”: (Daq. 10)

    • 2Sen 29:10-17—Hisqiyaas kutannoodhaan waaqeffannaa dhugaa iddootti deebiseera

    • 2Sen 30:5, 6, 10-12—Hisqiyaas namoonni garaa qajeelaa qaban waaqeffannaadhaaf akka walitti qabaman waame

    • 2Sen 32:25, 26—Hisqiyaas ol of qabuu dhiisee gadi of deebise (w05-AM 10/15 25 key. 20)

  • Dubbii Waaqayyoo Gadi Fageenyaan Qoruu: (Daq. 8)

    • 2Sen 29:11—Hisqiyaas wantoota dursi kennamuufii qabu ilaalchisee fakkeenya gaarii akkamii nuuf taʼa? (w13 11/15 17 key. 6-7)

    • 2Sen 32:7, 8—Rakkina gara fuulduraatti nu irra gaʼuuf qophaaʼuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu dandeenya? (w13 11/15 20 key. 17)

    • Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torban kanaa waaʼee Yihowaa maal na barsiisa?

    • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa qabxiin tajaajila irratti itti fayyadamuu dandaʼu isa kami?

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: 2Sen 31:1-10 (Daq. 4 ykn isaa gadi)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

  • Ittiin Lixa Jiʼa Kanaa Qophaaʼi: (Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu. Ittiin lixa Masaraa Eegumsaa viidiyoodhaan qophaaʼe isa jalqabaa erga taphachiistee booda, yaada ijoo irratti mariʼadhaa. Akkaataa babalʼisichi deddeebii gaaffiitiif haala itti mijeesse addeessi. Ittiin lixa Masaraa Eegumsaa isa lammaffaa wajjinii fi birooshura Misiraachoo wajjin haala wal qabateenis akkasuma godhi. Mata duree “Birooshura Misiraachootti Fayyadamuudhaan Qoʼachiisuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?” jedhu ilaalaa. Ittiin lixa mataa isaanii akka qopheeffatan babalʼistoota jajjabeessi.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

  • Faarfannaa 13

  • Mirga Iddoowwan Waaqeffannaa Dhugaa Ijaaruu fi Kunuunsuuf Qabnu”: (Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu. Obboloonni ijaarsa Galma Mootummaa irratti hirmaatanii turan gammachuu argatan akka dubbatan gaafadhu. Qophii gumichi godhe ilaalchisee obboleessa hojii Galma Mootummaa qulqulleessuu fi kunuunsuu qindeessuuf gaafannoo gabaabaa godhi.

  • Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: cf boq. 16 key. 1-6 (Daq. 30)

  • Irra Deebii fi Yaada Gabaabaa Barumsa Torban Itti Aanuu (Daq. 3)

  • Faarfannaa 142 fi Kadhannaa

    Yaadachiisa: Gumichi faarfannaa haaraa kana faarfachuu isaa dura, al tokko muuziqaa faarfannichaa guutummaa isaa dhageessisaa.