Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Mirga Iddoowwan Waaqeffannaa Dhugaa Ijaaruu fi Kunuunsuuf Qabnu

Mirga Iddoowwan Waaqeffannaa Dhugaa Ijaaruu fi Kunuunsuuf Qabnu

Mana qulqullummaa Israaʼel ijaaruun hojii fi baasii hedduu kan gaafatu ture. Haa taʼu malee, Israaʼeloonni hojii kana hinaaffaadhaan deggeraniiru. (1Sen 29:2-9; 2Sen 6:7, 8) Manni qulqullummaa ijaaramee erga xumuramee booda garuu, kunuunsuun Israaʼeloonni namoota hafuuraa taʼuu fi dhiisuu isaanii irratti kan hundaaʼe ture. (2Mot 22:3-6; 2Sen 28:24; 29:3) Yeroo harʼaatti, Kiristiyaanonni Galmawwan Mootummaa fi Galmawwan Walgaʼii Guguddaa ijaaruu, qulqulleessuu fi suphuuf yeroo hedduu dabarsu; akkasumas carraaqqii cimaa godhu. Haala kanaan Yihowaa wajjin hojjechuun mirga guddaa taʼuu isaa irra iyyuu, kutaa tajaajila qulqulluu Yihowaadhaaf dhiheessinuu ti.—Far 127:1; Mul 7:15.

KANA GOCHUUDHAAN IRRATTI HIRMAACHUU DANDEENYA:

  • Walgaʼii hunda booda qulqulleessi. Haalli kee kan si daangessu yoo taʼe immoo naannoo teessu qulqullinaan qabuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi.

  • Sagantaa dhaabbataa Galma Mootummaa qulqulleessuu fi suphuuf baʼe irratti hirmaadhu. Waliin taʼanii hojjechuun hojichi gammachiisaa fi salphaa akka taʼu godha.—lv 92-93 key. 18.

  • Gama qarshiitiin deggersa gochuudhaan. Garaadhaa “saantiima lama” buusii gochuun illee Yihowaa ni gammachiisa.—Mar 12:41-44.

  • Haalli kee kan siif heyyamu yoo taʼe, gamoowwan tiʼookraasii ijaaruu fi haaromsuu irratti fedhiidhaan hirmaadhu. Hojii ijaarsaa irratti muuxannoo qabaachuun dirqama barbaachisaa miti.