TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
Birooshura Misiraachootti Fayyadamuudhaan Qoʼachiisuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?
-
Namni haasofsiistu yaada ijoo irratti akka xiyyeeffatu gargaaruuf gaaffiiwwan lakkoofsaan kaaʼamanii fi gurraacheffamanii barreeffaman dubbisi.
-
Keeyyata itti aanee jiru dubbisi.
-
Caqasoota dalga ciibsamanii barreeffaman dubbisi; akkasumas caqasoonni sun gaaffilee lakkoofsaan kaaʼamaniif deebii kan kennan akkamitti akka taʼe akka hubatuuf nama haasofsiistu sana gaaffilee tokko tokko gaafadhu.
-
Gaafficha jala keeyyatni gara biraan yoo jiraate yaadawwan lakkoofsa 2 fi 3 irratti olitti ibsamanitti fayyadami. JW.ORG irra viidiyoon gaaffiiwwan lakkoofsaan kaaʼamanii wajjin wal simu yoo jiraate maree keessan gidduutti itti argisiisi.
-
Namni haasofsiistu sun yaada ijoo barumsichaa hubachuu isaa mirkaneessuuf gaaffii lakkoofsaan kaaʼame gaafadhu.