Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Akkaataa Dhiheenyaa

Akkaataa Dhiheenyaa

MASARAA EEGUMSAA

Gaaffii: Namni hundi qajeelfama kanaan utuu jiraatee addunyaan kun jireenyaaf mijataa kan taʼu sitti hin fakkaatuu?

Caqasa: Tit 2:10

Barreeffamicha Kennuuf: Kitaabni Qulqulluun waan hunda irratti amanamoo akka taanu nu gorsa. Kanaaf jireenya keenya keessatti gama hundaan amanamoo taʼuu qabna. Masaraan Eegumsaa jiʼa kanaa yaada kana irratti xiyyeeffata.

MASARAA EEGUMSAA (fuula dhumaa)

Gaaffii: Gaaffii kana ilaalchisee yaada ati qabdu utuun beekee natti tola. [Gaaffii jalqabaa dubbisi.] Namoonni tokko tokko bifa kan biraatiin jiraanna kan jedhan siʼa taʼu, warri kaan immoo duuti dhuma waan hundumaa ti jedhu. Ati maal jettee amanta?

Caqasa: Lal 9:5

Barreeffamicha Kennuuf: Mata dureen kun Kitaabni Qulqulluun kana ilaalchisee maal akka jedhu ibsa. Maaliif fudhattee hin dubbistu? Achiis yeroo gara biraa irratti mariʼachuu dandeenya.

MISIRAACHOO WAAQAYYO BIRAA DHUFE!

Barreeffamicha Kennuuf: Kanan dhufe kaffaltii malee Kitaaba Qulqulluu akka qoʼachiisnu sitti himuufi. Birooshurri kun gaaffiiwwan guguddaa kaʼaniif Kitaaba Qulqulluu keessaa deebii argachuuf si dandeessisa.

Gaaffii: Kitaaba Qulqulluu dubbistee beektaa? Barumsawwan achi keessatti argaman hammam akka salphaa taʼan birooshura kana irraa sitti argisiisuu? [Gaaffii 1ffaa barumsa 2ffaa irra jiru irratti mariʼadhaa.]

Caqasa: Mul 4:11

ITTIIN LIXA MATAA KEE QOPHEEFFADHU

Ittiin lixa mataa kee qopheeffachuuf haala fakkeenyonni armaan olii ittiin qophaaʼan hordofi