Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ISAAYAAS 34-37

Hisqiyaas Amantii Qabaachuu Isaatiin Eebba Argateera

Hisqiyaas Amantii Qabaachuu Isaatiin Eebba Argateera

Mootii Asorotaa kan taʼe Senaaheriib Yerusaalem harka akka kennitu dirqisiisuuf Rabshaaqee gara ishiitti erge. Asoronni Yihudoota humna buusuu fi waraana malee harka akka kennan gochuuf yaadawwan nama gowwoomsan adda addaatti fayyadamuuf yaalaniiru.

  • Kophaatti Akka Hafan Dubbachuu. Gibxiin isin hin gargaartu. —Isa 36:6

  • Shakkii. Yihowaan waan isinitti gaddeef isiniif hin lolu. —Isa 36:7, 10

  • Doorsisa. Loltoota Asor warra humna guddaa qaban dura dhaabachuuf illee carraa hin argattan.—Isa 36:8, 9

  • Qorumsa. Warra Asoriif yoo harka kennitan jireenyi keessan ni fooyyaʼa.—Isa 36:16, 17

Hisqiyaas Yihowaa irratti amantii cimaa akka qabu argisiiseera

37:1, 2, 14-20,36

  • Magaalattiin weerara ishiitti dhufaa tureef hamma tokko akka of qopheessitu godheera

  • Yihowaan akka isaan oolchu kadhannaa dhiheesseera; sabichis akkasuma akka godhu jajjabeesseera

  • Yihowaan yommuu maleekaa isaa ergee loltoota Asor 185,000 taʼan akka ajjeesu yommuu godhetti amantii argisiiseef eebba argateera