Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ISAAYAAS 24-28

Yihowaan Saba Isaa ni Kunuunsa

Yihowaan Saba Isaa ni Kunuunsa

Yihowaan akkuma keessummeessaa arjaa taʼee nyaata hafuuraa baayʼinaan nuu qopheessa.

‘Waaqayyo gooftaan maccaa, saba hundumaaf cidha nyaataa fi dhugaatii in qopheessa’

25:6

  • Bara duriitti, namoonni nyaata waliin nyaachuun isaanii, nagaa fi michummaa giddu isaanii jiru kan argisiisu ture

“Cidha nyaata coomaa fi daadhii waynii isa gaarii in qopheessaaf”

  • Nyaanni gaariinii fi daadhii wayiniin gaarii taʼe, nyaata hafuuraa isa hunda irra caaluu fi Yihowaan nuuf dhiheessu kan argisiisu dha