Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Kiristiyaanota Ariʼatamni Isaan Irra Gaʼaa Jiruuf Kadhachuu hin Dagatinaa

Kiristiyaanota Ariʼatamni Isaan Irra Gaʼaa Jiruuf Kadhachuu hin Dagatinaa

Kitaabni Qulqulluun, Seexanni tajaajila keenya dhaabsisuuf jecha, ariʼatama akka nu irraan geessisu raajii dubbateera. (Yoh 15:20; Mul 12:17) Kiristiyaanota biyyoota kan biraa jiranii fi ariʼatamni isaan irra gaʼaa jiru gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Isaaniif kadhachuu dandeenya. “Wawwaannaan nama qajeelaa humna qaba, namoota gargaaruus ni dandaʼa.”—Yaq 5:16.

Waaʼee maalii kadhachuu dandeenya? Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenyaaf ija jabina akka kennu, akkasumas akka hin sodaanne akka isaan gargaaru kadhachuu dandeenya. (Isa 41:10-13) “Jireenya tasgabbii fi gabii qabu akka jiraannuuf,” abbootiin taayitaa hojii lallabaa keenyaaf ilaalcha gaarii akka qabataan kadhachuus ni dandeenya.—1Xi 2:1, 2.

Phaawulosii fi Pheexiros yommuu ariʼatamni isaan irra gaʼetti, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa maqaa isaanii waamanii isaaniif kadhataniiru. (HoE 12:5; Rom 15:30, 31) Maqaa obboloota yeroo ammaatti ariʼatamni isaan irra gaʼu hunda beekuu baannus, gumii, biyya ykn naannoo isaanii caqasuudhaan isaaniif kadhachuu ni dandeenyaa?

Kiristiyaanota biyyoota armaan gadii ariʼatamni irra gaʼaa jiruuf kadhachuun barbaada: