Laayibeeriyaa keessatti naannoo Monorooviyaatti lallabuu

BARREEFFAMA QO'ANNAA WALGA'II JIREENYAA FI TAJAAJILA KIRISTIYAANAA Amajjii 2018

Maree Fakkeenya Taʼu

Kitaabni Qulqulluun bara kanatti kan hojjetu taʼuu isaa ilaalchisee maree fakkeenya taʼu walitti aansee dhihaatu.

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

‘Mootummaan Samii Dhihaateera’

Yohaannis jireenya salphaa fedha Waaqayyootiif murteeffame jiraateera. Bara keenyattis kun tajaajila Waaqayyoo keessatti sochii dabalataa gochuuf nu gargaara.

BARUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Barumsawwan Lallaba Gaaraa Yesuus Irraa Argaman

Wantoota hafuuraa dheebochuu jechuun maal jechuu dha? Barsiifata nyaata hafuuraa soorachuu keenya fooyyeffachuu kan dandeenyu akkamitti?

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Jalqaba Obboleessa Kee Wajjin Araarami—Akkamitti?

Yesuus obboloota keenyaa wajjin nagaa qabaachuu fi waaqeffannaa Waaqayyo duratti fudhatama qabu dhiheessuun kan walqabate taʼuu isaa ilaalchisee maal barsiise?

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Hundumaa dura Mootummicha Barbaaduu Keessan Itti Fufaa

Wantoota kadhachuu dandeenyu hunda dura duraan dursee nu yaaddessuu kan qabu maali dha?

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yaaddaʼuu Keessan Dhiisaa

Yesuus Lallaba Gaaraa isaa irratti yaaddaʼuu dhiisaa jechuun isaa hiika maalii qaba?

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Yesuus Namoota ni Jaallata Ture

Yesuus yommuu namoota fayyisu humna akka qabu argisiiseera, hunda caalaa garuu jaalala guddaa fi gara laafina akka qabu argisiiseera.

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Yesuus Akka Boqonnu Nu Afeereera

Cuuphamuudhaan waanjoo barattoota Yesuus taʼuu yommuu fudhanne, hojii fi itti gaafatamummaa ulfaataa kan fudhanne taʼus, akkas gochuun keenya garuu boqonnaa kan nuuf argamsiisu dha.