‘Mootummaan Samii Dhihaateera’
-
Akkaataa uffannaa fi bifa Yohaannis irraa, jireenya salphaa guutummaatti fedhii Waaqayyoo raawwachuu irratti xiyyeeffate akka jiraate salphaatti hubachuun ni dandaʼama
-
Mirgi addaa Yohaannis dura deemtuu Yesuus taʼuudhaan argate, aarsaa inni kaffale kam irra iyyuu kan caaluu ture
Jireenya salphaa jiraachuun, tajaajila Yihowaa irratti hirmaannaa dabalataa gochuu fi gammachuu guddaa argachuuf nu gargaara. Jireenya keenya salphaa gochuuf . . .
-
wantoota dhugumaan nu barbaachisan addaan baasuu
-
baasii hin barbaachisne hambisuu
-
bajata haala keenya tilmaama keessa galche baafachuu
-
meeshaalee itti hin fayyadamne gatuu
-
liqii keenya kaffaluu
-
hojii dabalataa hojjennu hirʼisuu
Jireenya salphaa jiraachuun koo galma akkamii irra akkan gaʼu na gargaara?