Amajjii 15-21
MAATEWOS 6-7
Faarfannaa 21 fi Kadhannaa
Yaada Seensaa (Daq. 3 ykn isaa gad)
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
“Hundumaa dura Mootummicha Barbaaduu Keessan Itti Fufaa”: (Daq. 10)
Mat 6:10—Kadhannaa akka fakkeenyaatti dhihaate irratti Mootummichi warra jalqaba irratti ibsaman keessaa tokko taʼuun isaa bakka guddaa akka qabu argisiisa (bhs 178 key. 12)
Mat 6:24—Waaqayyoo fi “qabeenyaaf” garboota taʼuu hin dandeenyu (“garbicha” nwtsty qabxiiwwan qoʼannaa Mat 6:24)
Mat 6:33—Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo jireenya isaanii keessatti mootummichaaf dursa kennaniif wanta barbaachisu isaaniif ni guuta (“barbaaduu keessan,” “qajeelummaa” nwtsty qabxiiwwan qoʼannaa Mat 6:33)
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 8)
Mat 7:12—Tajaajilaaf ittiin lixa yommuu qophoofnu caqasa kana hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti? (w14 5/15 14-15 key. 14-16)
Mat 7:28, 29—Namoonni hedduun barumsa Yesuusiin kan tuqaman akkamitti? maaliifi? (“baayʼee dinqisiifatan,” “akkaataa inni itti barsiise,” “akka barsiisota seeraatti utuu hin taʼin” nwtsty qabxiiwwan qoʼannaa Mat 7:28, 29)
Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torban kanaa waaʼee Yihowaa maal si barsiise?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa kan biraa akkamii argatte?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) Mat 6:1-18
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
Dhugaa Baʼuu: (Daq. 2 ykn isaa gad) Yaada maree fakkeenya taʼu irratti kennameen jalqabi. Mormii naannoo keessanitti baramaa taʼeef deebii kenni.
Deddeebii Gaaffii Jalqabaa: (Daq. 3 ykn isaa gad) Yaada maree fakkeenya taʼu irratti kennameen jalqabi. Namni ati jalqaba haasofsiiste mana hin jiru; kanaaf kan balbala siif bane fira isaa ti.
Deddeebii Gaaffii Lammaffaa—Viidiyoo: (Daq. 5) Viidiyicha erga taphachisee booda irratti mariʼadhaa.
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
“Yaaddaʼuu Keessan Dhiisaa”: (Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu. Viidiyoo Barumsa Fakkeenya Yesuus Dubbaterraa Argamu—Simbirrootaa fi Abaaboowwan Ilaalaa jedhamu taphachiisuudhaan jalqabi.
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30) kr boq. 17 key. 1-9
Irra Deebii fi Yaada Gabaabaa Barumsa Torban Itti Aanuu (Daq. 3)
Faarfannaa 67 fi Kadhannaa