AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Yaaddaʼuu Keessan Dhiisaa
Yesuus lallaba gaaraa irratti “Waaʼee jireenya keessanii . . . yaaddaʼuu keessan dhiisaa” jedhee ture. (Mat 6:25) Namoonni cubbuu dhaalan addunyaa Seexanaa kana keessa hamma jiraatanitti al tokko tokko yaaddaʼuun isaanii kanuma jiru taʼus, Yesuus duuka buutonni isaa garmalee akka hin yaaddofne barsiiseera. (Far 13:2) Maaliif? Wantoota guyyaa guyyaatti barbaachisaniif illee garmalee dhiphachuun, yaanni keenya akka hihhiramu gochuudhaan hundumaa dura Mootummicha barbaaduun caalaatti akka nutti ulfaatu gochuu ni dandaʼa. (Mat 6:33) Dabalataanis wanti Yesuus dubbate yaaddoo hin barbaachisne irraa akka fagaannu nu gargaara.
-
Mat 6:26—Simbirroota ilaaluudhaan maal barachuu dandeenya? (w16.07 9-10 key. 11-13)
-
Mat 6:27—Garmalee yaaddaʼuun yeroo fi humna balleessa kan jennu maaliifi? (w05-AM 11/1 22 key. 5)
-
Mat 6:28-30—Abaaboowwan bakkee irraa maal barachuu dandeenya? (w16.07 10-11 key. 15-16)
-
Mat 6:31, 32—Kiristiyaanonni saboota kaan irraa adda kan taʼan karaawwan kamiini? (w16.07 11 key. 17)
Waaʼee wantoota akkamii yaaddaʼuu dhiisuun barbaada?