Yesuus Namoota ni Jaallata Ture
Maatewos boqonnaa 8 fi 9 hamma tokko tajaajila Yesuus naannoo Galiilaa keessatti raawwate ibsa. Yesuus yommuu namoota fayyisaa ture, humna isaa argisiiseera; hunda caalaa garuu warra kaaniif jaalala guddaa fi gara laafina akka qabu argisiiseera.
-
Yesuus nama dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko fayyiseera.—Mat 8:1-3
-
Yesuus tajaajilaa ajajaa waraanaa tokko fayyiseera.—Mat 8:5-13
Amaatii Pheexiros fayyiseera.—Mat 8:14, 15
Jinniiwwan baaseera, namoota jinniiwwaniin dhiphachaa turanis fayyiseera.—Mat 8:16, 17
-
Yesuus jinniiwwan garmalee hamoo taʼan baasee hoomaa booyyeetti akka galan godheera.—Mat 8:28-32
-
Yesuus nama lamshaaʼe tokko fayyiseera.—Mat 9:1-8
Dubartii uffata isaa tuqxe tokko fayyiseera, akkasumas intala Yaayiros duʼaa kaaseera.—Mat 9:18-26
Nama jaamaa taʼe tokkoo fi nama arrabni isaa hidhame tokko fayyiseera.—Mat 9:27-34
-
Yesuus dhukkuba gosa hundumaa fi dhibee gosa hundumaa fayyisaa magaalotaa fi gandeen hunda keessa naannaʼe.—Mat 9:35, 36
Namoota anaa wajjin jiraniitti caalaatti jaalalaa fi gara laafina argisiisuu kanan dandaʼu akkamitti?