Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | MAATEWOS 4-5

Barumsawwan Lallaba Gaaraa Yesuus Irraa Argaman

Barumsawwan Lallaba Gaaraa Yesuus Irraa Argaman

5:3

Wantoota hafuuraa ni dheebottaa?

Gaaleen “warri wantoota hafuuraa dheebotan” jedhu hiikni isaa kallattiidhaan “warra wantoota hafuuraatiif kadhattoota taʼan” jechuu dha. (Mat 5:3; milj.) Waaqayyo irraa gargaarsa hafuuraa argachuuf akka hawwinu argisiisuu kan dandeenyu . . .

  • Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuudhaan

  • walgaʼiiwwan Kiristiyaanaatiif qophaaʼuu fi irratti argamuudhaan

  • hamma nuuf dandaʼametti barreeffamoota keenyaa fi barumsawwan weebsaayitii keenya irratti baʼan dubbisuudhaan

  • sagantaa jiʼa jiʼaan JW Broadcasting irratti baʼu ilaaluudhaan

Barsiifatan nyaata hafuuraa soorachuu irratti qabu fooyyessuu kanan dandaʼu akkamitti?