AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Jalqaba Obboleessa Kee Wajjin Araarami—Akkamitti?
Bara Yesuusitti Galiilaa keessa jiraachaa akka jirtu godhii yaadi. Ayyaana Gordommaa kabajuuf gara Yerusaalem deemaa jirta. Magaalattiin namoota akkuma kee Yihowaa waaqeffachuuf fagoodhaa dhufaniin guutamteetti. Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuu barbaadde. Kanaaf reʼee kee harkisaa karaa dhiphaa namootaan guutamee fi adeemsaaf rakkisaa taʼe qabattee gara mana qulqullummaatti deemuu jalqabdeetta. Yommuu achi geessu manni qulqullummaa namoota aarsaa dhiheessuu barbaadaniin guutameera. Dhuma irratti, dabareen ati reʼee kee lubichatti kennitu ni gaʼe. Battaluma sanatti obboleessi kee namoota sana keessaa bakka taʼe tokko jiru ykn magaalattii keessa jiru sitti mufatee akka ture yaadatte. Yesuus wanta gochuu qabdu dubbateera. (Maatewos 5:24 dubbisi.) Akkuma Yesuus ajaje atii fi obboleessi kee inni mufachiiste sun nagaa uumuu kan dandeessan akkamitti? Yaadawwan armaan gaditti tarreeffaman keessaa deebii isa sirrii taʼe biratti mallattoo godhi.
WANTA GOCHUU QABDU
-
Obboleessi kee mufachuuf sababii gaʼaa akka qabu yoo sitti dhagaʼame qofa isa haasofsiisi
-
Obboleessi kee miirri isaa dafee akka tuqamu ykn atis rakkina uumame keessaa akka qabdu akka dubbatu yoo sitti dhagaʼame ilaalcha isaa sirreessi
-
Yommuu obboleessi kee miira isaa ibsu obsaan dhaggeeffadhu, sirriitti isa hubachuu baattu illee, waan inni miidhameef ykn miidhaa gochi kee utuu ati hin beekin geessiseef garaadhaa dhiifama isa gaafadhu
WANTA OBBOLEESSI KEE GOCHUU QABU
-
Hammam akka ati isa miite isaanitti himuudhaan warri gumii keessa jiran akka isa deggeran barbaaduu
-
Si ceephaʼuu, wanta ati isa goote hunda tokko tokkoon irratti yaaduu fi balleessaa kee amantee akka fudhatu si gaafachuu
-
Dhaqxee isa haasofsiisuuf hammam gad of qabuu fi ija jabaachuun akka si barbaachisee siif hubatee garaadhaa dhiifama siif gochuu
Yeroo ammaatti waaqeffannaan keenya aarsaa horii dhiheessuu kan hin dabalanne taʼus, Yesuus obboloota keenyaa wajjin nagaa qabaachuu fi waaqeffannaa Waaqayyo duratti fudhatama qabu dhiheessuun kan walqabate taʼuu isaa ilaalchisee maal barsiiseera?