Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Gaaʼela Keessaniif Eegumsa Godhaa

Gaaʼela Keessaniif Eegumsa Godhaa

Yihowaan waadaa gaaʼelaatiif iddoo guddaa kenna. Abbaan manaa fi haati manaa tokko walitti maxxanuu akka qaban dubbateera. (Mat 19:5, 6) Saba Waaqayyoo gidduu gaaʼelli fakkeenya taʼu hedduun jira. Taʼus gaaʼelli mudaa hin qabne hin jiru. Rakkinni uumamuun isaa hin oolu. Ilaalcha baramaa, ‘Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo rakkinni isaan mudatu gargar baʼuudhaan ykn wal hiikuudhaan furmaata argachuu dandaʼu’ jedhu irraa fagaachuu qabna. Kiristiyaanonni gaaʼela isaaniitiif eegumsa gochuu kan dandaʼan akkamitti?

Tarkaanfiiwwan barbaachisoo taʼan muraasa haa ilaallu.

  1. Kolomsuu fi bashannana naamusa hin qabne irraa fagaachuudhaan garaa keessan eeggadhaa; wantoonni akkasii gaaʼela miidhu.—Mat 5:28; 2Ph 2:14.

  2. Michummaa Yihowaa wajjin qabdan cimsadhaa; fedhii akka inni gaaʼela keessanitti gammadu gochuuf qabdan guddifadhaa.—Fr 97:10.

  3. Namummaa haaraa uffachuu keessan itti fufaa; gochawwan gaarummaa xixinnoo fakkaatan illee raawwadhaa; gochawwan akkasii hiriyaan gaaʼelaa keessan jireenyi akka itti salphatu gochuu dandaʼu.—Qol 3:8-10, 12-14.

  4. Karaa ulfina qabuun akka gaariitti waliin haasaʼaa.—Qol 4:6.

  5. Dirqama gaaʼela keessatti qabdan jaalalaan raawwadhaa.—1Qo 7:3, 4; 10:24.

Kiristiyaanonni yeroo gaaʼela kabajan, Yihowaa isa gaaʼela hundeesseef ulfina akka qaban argisiisu.

VIIDIYOO ‘JABINAAN FIIGUU’ QABNA—SEERAWWAN DORGOMMICHAATIIF AJAJAMUU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Gaaʼelli tokko jalqaba irratti gaarii taʼus rakkinoonni akkamii uumamuu dandaʼu?

  • Namoonni gaaʼelli isaanii jaalala akka hin qabne itti dhagaʼamu dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu kan isaan gargaaran akkamitti?

  • Gaaʼelli kee gammachuu akka qabaatuuf dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchi

    Yihowaan gaaʼela ilaalchisee seerawwan akkamii kenneera?

  • Gaaʼelli tokko milkaaʼina akka qabaatuuf hiriyoota gaaʼelaa lamaan irraa iyyuu maaltu eegama?