Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Walgaʼiiwwan Guguddaa Waggaa Waggaadhaan Godhannu Carraa Jaalala Itti Argisiisnu Nuuf Banu

Walgaʼiiwwan Guguddaa Waggaa Waggaadhaan Godhannu Carraa Jaalala Itti Argisiisnu Nuuf Banu

Walgaʼiiwwan guguddaa waggaa waggaadhaan godhannu baayʼee kan jaallannu maaliifi? Akkuma Israaʼel durii keessatti ture, walgaʼiiwwan guguddaan bara keenyatti godhamanis yeroo baayʼee obboloota keenya dhibbaan, tarii immoo kumaan lakkaaʼamanii wajjin taʼuudhaan Yihowaa waaqeffachuuf carraa nuu bana. Nyaata hafuuraa argannu baayʼee jaallanna. Yeroo michootaa fi maatii keenyaa wajjin dabarsinuufis iddoo guddaa kennina. Dinqisiifannaa guddaan qabnu guyyoota walgaʼichaa sadan irratti iyyuu argamuuf nu kakaasa.

Yeroo walitti qabamuuf carraa argannutti, wanta dhuunfaatti argannu qofa utuu hin taʼin, warra kaanitti jaalala argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes yaaduu qabna. (Gal 6:10; Ibr 10:24, 25) Obboloota keenyaaf balbala bannee yeroo qabnu ykn iddoo nu barbaachisu qofa yeroo qabannu, faayidaa warra kaaniis akka yaannu argisiisna. (Flp 2:3, 4) Walgaʼiiwwan guguddaan carraa michoota haaraa itti horannu nuuf banu. Sagantaan jalqabuu isaa duraa fi booda, akkasumas saʼaatii laaqanaatti, nama hin beeknee wajjin wal beekuuf galma baafachuu dandeenya. (2Qo 6:13) Michummaan haala akkasiitiin jalqabamu bara baraaf kan itti fufu taʼuu dandaʼa! Hunda caalaa immoo, namoonni kaan jaalala dhugaa nuti argisiisnu yeroo ilaalan, isaanis akkuma keenya Yihowaa tajaajiluuf kakaʼuu dandaʼu.—Yoh 13:35.

VIIDIYOO “JAALALLI MATUMAA HIN BADU”! WALGAʼIIWWAN BIYYOOLESSAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Keessummoota walgaʼiiwwan biyyoolessaa 2019 irratti argamuuf biyya alaatii dhufanitti obboloonni jaalala kan argisiisan akkamitti?

  • Tokkummaanii fi jaalalli saba Yihowaa gidduu jiru baayʼee adda kan taʼe maaliifi?

  • Gosawwan jaalalaa Qaamni Ol Aanaan addeesse kam faʼi?

  • Jaalala walgaʼiiwwan guguddaa irratti mulʼatuuf gumaacha gochuu kan dandeessu akkamitti?

    Jaalalli Kiristiyaanotaa obboloota Jarmanii fi Kooriyaa Kibbaatti argaman tokko kan godhe akkamitti?

  • Murtoon keenya maal taʼuu qaba?