AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Bilisummaa Gara Fuulduraatti Argamu—Waaqayyoo fi Kiristoosiif Galanni haa Gaʼu
Rakkinni guyyaa guyyaadhaan walʼaansoo wajjin gootu maali dha? Mataa maatii itti gaafatamummaa hedduu baʼuuf yaalaa jirtu dhaa? Abbaa ykn haadha qeenxee taatee fi maatii keetiif wanta barbaachisu dhiheessuun rakkisaa sitti taʼe dhaa? Dargaggeessa mana barumsaatti hiriyoonni kee si rakkisani dhaa? Dhukkuba ykn dullumaa wajjin walʼaansoo gochaa jirtaa? Namni hundi rakkina dandamatu qaba. Kiristiyaanonni hedduun takkaatti rakkinni hedduun irra gaʼa. Taʼus yeroo dhihootti rakkoowwan kana irraa bilisa akka baanu beekna.—2Qo 4:16-18.
Hammasitti garuu, Yihowaan walʼaansoo goonu akka nuuf hubatu, amanamummaa fi obsa keenya akka dinqisiifatu, akkasumas akka nu eebbisu beekuun keenya nu jajjabeessa. (Er 29:11, 12) Yesuusis dhuunfaatti xiyyeeffannaa nuuf kenna. Itti gaafatamummaa Kiristiyaanota irraa eegamu yeroo raawwannutti ‘nuu wajjin akka taʼu’ nuuf mirkaneesseera. (Mat 28:20) Bilisummaa gara fuulduraatti Mootummaa Waaqayyoo keessatti argannu irratti yeroo xiinxallu, abdiin keenyaa fi murtoon rakkina yeroo ammaatti nu mudatu dandamachuuf goone ni cima.—Rom 8:19-21.
VIIDIYOO YOMMUU QILLEENSI JABAAN ISINITTI DHIHAATU YESUS IRRAA IJA HIN BUQQIFATINAA!—EEBBAWWAN MOOTUMMICHAA GARA FUULDURAATTI EEGGANNU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Ilmaan namootaa Waaqayyo irraa kan fagaatan akkamitti? Kun hoo maal geessise?
-
Namoota Yihowaadhaaf amanamoo taʼan gara fuulduraatti maaltu eeggata?
-
Abdii dinqisiisaa akkasii qabaachuu kan dandeenye akkamitti?
-
Eebbawwan addunyaa haaraa keessatti argannu keessaa ati baayʼee kan hawwitu isa kami?