BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
Waggaa Iyyobeeliyyuu fi Bilisummaa Gara Fuulduraatti Argamu
Waggaan Iyyobeeliyyuu Israaʼelonni jireenya isaanii guutuu idaa baayʼeen akka irra hin jiraannee fi hiyyeeyyii akka hin taane godheera (Lew 25:10; it-1-E 871; fakkii qola isaa irra jiru ilaali)
Gatiin lafaa oomisha lafichi argamsiisu irratti kan hundaaʼe dha (Lew 25:15; it-1-E 1200 key. 2)
Yihowaan sabni isaa seera inni waggaa Iyyobeeliyyuutiif kenneef yeroo ajajaman isaan eebbisa ture (Lew 25:18-22; it-2-E 122-123)
Yeroo dhihootti, namoonni amanamoon cubbuu fi duʼa irraa guutummaatti bilisa baʼuudhaan, qophii Iyyobeeliyyuun fakkeenya taʼeef irraa faayidaa guutuu argatu.—Rom 8:21.
Tokkoon tokkoon keenya bilisummaa Yihowaan waadaa gale argachuuf maal gochuu qabna?