AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Warra kan Taatan, Wanta Beekuun Isaan Barbaachisu Ijoollee Keessan Barsiisaa
Kan jiraannu addunyaa isa gaariidhaan hamaa, isa hamaadhaanis gaarii jedhu keessa dha. (Isa 5:20) Kan nama gaddisiisu, namoonni tokko tokko wanta Yihowaan jibbu raawwatu; fakkeenyaaf, namoonni saala wal fakkaatu qaban tokko tokko walitti dhufeenya naamusaan ala taʼe qabu. Ijoolleen wajjin baratan ykn namoonni kaan ijoolleen keenya warri jaallatamoon gocha isaanii isa gadhee akka hordofan dhiibbaa isaan irratti godhu. Qorumsawwan akkasii akka moʼan ijoollee keessan qopheessuu kan dandeessan akkamitti?
Ijoolleen keessan ulaagaalee Yihowaa akka gaariitti akka beekan gargaaraa. (Lew 18:3) Suutuma suuta wanta Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtii ilaalchisee dubbatu isaan barsiisaa; wanti isaan barsiistan umurii fi dandeettii hubannaa isaanii tilmaama keessa kan galche taʼuu qaba. (Kes 6:7) Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Ibsi jaalalaa sirriin kan akkamii akka taʼe, uffata seera qabeessa taʼe uffachuun barbaachisaa taʼuu isaa, namoonni kaan qaama isaanii akka hin tuqne ykn akka hin ilaalle dhowwuu akka qaban ijoollee koo barsiiseeraa? Ijoolleen koo namni tokko poornoogiraafii isaanitti argisiisuuf yoo yaale ykn wanta Yihowaan dogoggora akka taʼetti ilaalu akka raawwatan yoo isaan gaafate maal gochuu akka qaban beekuu?’ Waaʼee kanaa dursanii beekuun isaanii rakkina hedduu irraa isaan eeguu dandaʼa. (Fak 27:12; Lal 7:12) Ijoollee keessan barsiisuudhaan, dhaala guddaa Yihowaa biraa argattaniif jaalala akka qabdan argisiistu.—Fr 127:3.
VIIDIYOO MANA JABAATEE DHAABATU IJAARAA—IJOOLLEE KEESSAN “WANTA HAMAA” IRRAA EEGAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Warri tokko tokko waaʼee saalqunnamtii ijoollee isaanii barsiisuu irraa duubatti kan jedhan maaliifi?
-
Warri ijoollee isaanii “adabaa fi gorsa Yihowaatiin” leenjisuu kan qaban maaliifi?—Efe 6:4
-
Jaarmiyaan Yihowaa warri ijoollee isaanii waaʼee saalqunnamtii akka barsiisan gargaaruuf wantoota akkamii qopheesseera?—w19.05 12, saanduqa
-
Rakkinni uumamuu isaa dura yeroo hundumaa ijoollee keessan wajjin haasaʼuu kan qabdan maaliifi?