BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
Eebba Yihowaa Argachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
Waaqolii gatii hin qabne irraa fagaadhaa (Lew 26:1; w08 4/15 4 key. 8)
Karaa inni barbaaduun Yihowaa waaqeffadhaa (Lew 26:2; it-1-E 223 key. 3)
Ajajawwan isaa eegaa (Lew 26:3, 12; w91-E 3/1 17 key. 10)
Israaʼelonni amanamummaadhaan seerawwan Yihowaa eeguuf yaalan, isaa wajjin nagaa qabaachuu fi eebbawwan kan biroo hedduu argachuu dandaʼaniiru.
Eebba Yihowaatiin kan kaʼe haalawwan armaan gadii keessaa ati amma dhandhamachaa kan jirtu isa kami?
-
Beekumsa Kitaaba Qulqulluu sirrii taʼe
-
Sammuu nagaa qabu
-
Jireenya maatii gammachiisaa taʼe
-
Abdii yeroo gara fuulduraa