AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Yihowaa Tajaajiluu Filadhu
Dargaggeessa hin cuuphamne ykn barataa Kitaaba Qulqulluu yoo taate, cuuphamuuf galma qabdaa? Wanti cuuphamuuf si kakaasu maal taʼuu qaba? Of murteessuu fi cuuphamuun Yihowaa wajjin michummaa addaa argamsiisa. (Fr 91:1) Fayyinas ni argamsiisa. (1Ph 3:21) Galma kana bira gaʼuu kan dandeessu akkamitti?
Dhugaa argachuu kee mirkaneeffadhu. Yeroo gaaffiin sitti uumamu, dhuunfaatti qorannaa godhi. (Rom 12:2) Jijjiirama gochuun si barbaachisu kam iyyuu adda baafadhu; jijjiirama gochuuf kan si kakaase fedhii Yihowaa gammachiisuuf qabdu taʼuu isaa mirkaneeffadhu. (Fak 27:11; Efe 4:23, 24) Yeroo hundumaa Yihowaan akka si gargaaru kadhadhu. Yihowaan hafuura isaa isa humna guddaa qabutti fayyadamee akka si jabeessuu fi akka si deggeru mirkanaaʼaa taʼi. (1Ph 5:10, 11) Carraaqqiin gootu si hin gaabbisiisu. Yihowaa tajaajiluun jireenya hunda irra wayyu dha!—Fr 16:11.
VIIDIYOO DAANDII GARA CUUPHAATTI GEESSU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Namoonni tokko tokko cuuphamuuf jecha gufuuwwan akkamii moʼaniiru?
-
Amantii Yihowaadhaaf of murteessuuf si barbaachisu qabaachuu kan dandeessu akkamitti?
-
Namoonni tokko tokko tarkaanfii cuuphamuuf barbaachisu fudhachuuf maaltu isaan kakaase?
-
Namoonni Yihowaa tajaajiluuf filatan eebbawwan akkamii argatu?
-
Of murteessuu fi cuuphamuu jechuun maal jechuu dha?