Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Jaalalli Kiristoos nu dirqisiisa.”—2Qo 5:14

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Jiʼa Bitootessaa Yookiin Eblaatti Qajeelchaa Gargaaraa Taʼuu ni Dandeessaa?

Jiʼa Bitootessaa Yookiin Eblaatti Qajeelchaa Gargaaraa Taʼuu ni Dandeessaa?

Tibba Ayyaana Yaadannootti caalaatti tajaajila irratti hirmaachuu ni barbaaddaa? (2Qo 5:14, 15) Jiʼa Bitootessaa fi Eblaatti obboloonni qajeelchitoota gargaaraa taʼan saʼaatii 30 ykn 50 gabaasuu dandaʼu. Sochii addaa kana irratti hirmaachuu kan dandeessu yoo taʼe, foormii guutiitii Koree Tajaajilaa gumii keessanitti kenni. Jiʼa jiʼaan, maqaan obboloota qajeelchaa gargaaraa taʼanii akka tajaajilan isaaniif heyyamamee gumichaaf ni beeksifama. Karaa kanaan, gumichi qajeelchitoota tajaajila irratti deggeruu dandaʼa. Hundi keenya iyyuu carraawwan tibba Ayyaana Yaadannootti nuuf banaman guutummaatti fayyadamuudhaan dandeettii tajaajila irratti qabnu haa guddifannu, akkasumas wal haa jajjabeessinu.—1Ta 5:11.