Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Nama Hundumaaf Lallabuuf Gurmaaʼuu

Nama Hundumaaf Lallabuuf Gurmaaʼuu

Yihowaan akkuma Israaʼelota gurmeessee turetti, yeroo harʼaattis fedhii isaa akka raawwataniif saba isaa gurmeesseera. Addunyaa maratti waajjiroonni damee, aanaawwan, gumiiwwan, akkasumas gareewwan tajaajilaa waliin taʼuudhaan misiraachicha babalʼisuu irratti hojjetu. Namoota afaan biraa dubbatan dabalatee namoota hundumaaf lallabna.—Mul 14:6, 7.

Namoonni kaan dhugaa akka baratan gargaaruuf afaan biraa barachuuf yaaddettaa? Afaan tokko barachuuf yoo yeroo qabaachuu baatte illee, wantoota tokko tokko barachuuf appilikeeshinii JW Language jedhamutti fayyadamuu dandeessa. Appilikeeshinii kana tajaajila irratti yoo fayyadamte, gammachuu obboloonni jaarraa jalqabaa argatan argachuu dandeessa. Isaan namoonni biyyoota birootii dhufan afaanuma isaaniitiin yommuu “hojiiwwan Waaqayyoo warra guguddaa” dhagaʼanii dinqisiifatanitti baayʼee gammadanii turan.—HoE 2:7-11.

VIIDIYOO MICHUU YIHOWAA TAʼI—AFAAN BIYYA ALAATIIN LALLABUU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Appilikeeshinii JW Language yoom fayyadamuu dandeessu?

  • Appilikeeshiniin kun qabiyyeewwan akkamii qaba?

  • Namoonni afaan kam iyyuu dubbatan misiraachicha dhagaʼuun isaan barbaachisa

    Namoonni naannoo tajaajilaa keessan keessa jiran afaan kamfaa dubbatu?

  • Namni ergaa Mootummichaatiif fedhii argisiise tokko afaan kan biraa kan dubbatu yoo taʼe maal gochuu qabdu?—od-AM 100-101 key. 39-41