TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI | GAMMACHUU TAJAAJILA IRRATTI ARGATTAN GUDDIFADHAA
Barattoonni Keessan Walgaʼii Irratti Akka Argaman Gargaaraa
Walgaʼiiwwan gumii kutaa waaqeffannaa baayʼee barbaachisaa taʼani dha. (Fr 22:22) Namoonni Yihowaa waaqeffachuuf walitti qabaman hundi gammachuu fi eebba argatu. (Fr 65:4) Barattonni Kitaaba Qulqulluu yeroo baayʼee caalaatti saffisaan guddina kan godhan yeroo dhaabbataadhaan walgaʼiiwwan irratti argamani dha.
Barataan keessan walgaʼii irratti akka argamu gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Akka argamu affeeruu keessan itti fufaa. Viidiyoo Galma Walgaʼii Keenyatti Maaltu Raawwatama? jedhamu itti argisiisaa. Faayidaa walgaʼiiwwanii isaaf ibsaa. (lff barumsa 10) Barumsa walgaʼii irraa argattan tokko itti himuu ykn wanta walgaʼii isa itti aanu irratti barannu tokko itti argisiisuu dandeessu. Barreeffama walgaʼii irratti itti fayyadamnu isaaf kennaa. Akkasumas gargaarsa qabatamaa godhaafii. Tarii gara walgaʼii deemuuf gargaarsi isaan barbaachisa taʼa. Barataan keessan yeroo jalqabaatiif yommuu walgaʼii irratti argamu, carraaqqii gochuun keessan akka isin hin gaabbisiisne ni hubattu.—1Qo 14:24, 25.
VIIDIYOO BARATTOONNI KEESSAN WALGAʼII IRRATTI AKKA ARGAMAN GARGAARAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Maartaan walgaʼii gumii irratti akka argamtu Saaraa affeeruuf carraa akkamiitti fayyadamte?
-
Barataan tokko yommuu walgaʼii irratti argamu kan gammannu maaliifi?
-
Saaraan yeroo jalqabaatiif yommuu walgaʼii irratti argamtu maaltu ishiitti dhagaʼame?