Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dargaggootaa, Warra Keessaniif Garaa Keessan Banaa

Dargaggootaa, Warra Keessaniif Garaa Keessan Banaa

Yaada kee ifatti warra keetti himuuf yaali. (Fak 23:26) Sababiin isaas Yihowaan akka si kunuunsanii fi akka si qajeelchaniif itti gaafatamummaa isaaniif kenneera. (Fr 127:3, 4) Wantoota si yaaddessanii fi si dhiphisan kan isaan dhoksitu yoo taʼe si gargaaruun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Akkasumas carraan muuxannoo jireenya isaanii irraa barachuuf qabdu akka si darbu gochuu dandeessa. Yaadawwan tokko tokko dubbachuu dhiisuun kee dogoggoraa? Taʼuu dhiisuu dandaʼa, garuu warra kee wanta dogoggora taʼe akka isaan hin amansiisne of eeggadhu.—Fak 3:32.

Warra kee haasofsiisuu kan dandeessu akkamitti? Yeroo siifis taʼe isaaniif gaarii taʼe filachuuf yaali. Kana gochuu hin dandeessuu yoo taʼe immoo, tokkoon isaaniitiif xalayaa barreessuudhaan miira kee isaaniif ibsi. Dhimma ati irratti haasaʼuu hin barbaanne irratti si haasofsiisu yoo barbaadan hoo? Garaadhaa si gargaaru akka barbaadan yaadadhu. Warri kee diinota kee akka taʼanitti utuu hin taʼin deggertoota kee akka taʼanitti ilaali. Carraaqqiin ati warra kee wajjin ifatti waliin haasaʼuuf gootu jireenya kee ammaatiifis taʼe kan bara baraatiif si fayyada.—Fak 4:10-12.

VIIDIYOO JIREENYA DARGAGGUMMAA KOO—WARRA KOO WAJJIN HAASAʼUU KANAN DANDAʼU AKKAMITTI? JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Eestarii fi Paartiik waaʼee ofii isaanii maal hubataniiru?

  • Fakkeenya Yesuus irraa maal baratta?

  • Warri kee akka siif yaadan kan argisiisan akkamitti?

  • Warri kee akka milkooftu barbaadu

    Warra kee haasofsiisuuf dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu isaan kamfaatu si gargaaruu dandaʼa?