Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Guraandhala 10-16

FAARFANNAA 147-150

Guraandhala 10-16

Faarfannaa 12 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. Sababa Yihowaa Itti Jajannu Hedduu Qabna

(Daq. 10)

Dhuunfaatti kunuunsa nuuf godha (Fr 147:3, 4; w17.07 18 key. 5-6)

Inni humna keenya ni beeka, akkasumas humna isaatti fayyadamee nu gargaara (Fr 147:5; w17.07 18 key. 7)

Saba isaa keessaa tokko akka taanu mirga nuuf kenneera (Fr 147:19, 20; w17.07 21 key. 18)


AKKANA JEDHII OF GAAFADHU, ‘Yihowaa jajachuuf wanti na kakaasu kan biraan maalidha?’

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Fr 148:1, 10—‘Simbirroonni baallee qaban’ Yihowaa kan jajatan akkamitti? (it-1-E 316)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Namni haasofsiistu dhukkuba cimaadhaan akka qabame sitti hime. (lmd barumsa 2 qabxii 5)

5. Marii Jalqabuu

(Daq. 4) KARAA ALIDLEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Carraa argattetti fayyadamuudhaan wanta walgaʼiirratti baratte nama haasofsiistutti himuuf yaali. (lmd barumsa 4 qabxii 3)

6. Haasaa

(Daq. 5) w19.03 10 key. 7-11—Mata duree: Yesuusiin Dhagaʼaa—Misiraachicha Lallabaa. Fakkii ilaali. (th qoʼannaa 14)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 159

7. Gabaasa Tajaajilaa Waggaa

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Gabaasa Tajaajilaa Waggaa ilaalchisee beeksisa waajjira dameerraa ergame erga dubbistee booda dhaggeeffattoonni Gabaasa Tajaajilaa Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa Addunyaa Maraa Bara 2024rraa yaada gaggaarii argatan akka dubbatan jajjabeessi. Babalʼistoota waggaa darbe keessa muuxannoo nama jajjabeessu argatanii fi dursitee qopheessiteef gaafannoo godhi.

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

Yaada Xumuraa (Daq.3) | Faarfannaa 37 fi Kadhannaa