Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Guraandhala 3-9

FAARFANNAA 144-146

Guraandhala 3-9

Faarfannaa 145 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. “Sabni Waaqni Isaa Yihowaa Taʼe Gammadaa Dha!”

(Daq. 10)

Yihowaan warra isatti amanaman ni eebbisa (Fr 144:11-15; w18.04 32 key. 3-4)

Abdii jireenya bara baraa waan qabnuuf ni gammadna (Fr 146:5; w22.10 28 key. 16-17)

Namoonni Waaqni isaanii Yihowaa taʼe bara baraaf ni gammadu (Fr 146:10; w18.01 26 key. 19-20)

Rakkinni nurra gaʼaa kan jiru yoo taʼellee amanamummaadhaan yommuu Yihowaa tajaajillu gammadoo taʼuu ni dandeenya

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Fr 145:15, 16—Caqasni kun akkaataa bineeldota itti qabnurratti dhiibbaa akkamii godha? (it-1-E 111 key. 9)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. Namni haasofsiistu barataa Yunivarsiitii akka taʼe sitti hime. (lmd barumsa 1 qabxii 5)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) KARAA ALIDLEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Viidiyoo Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessa jiru tokko beeksisiitii irratti mariʼadhaa. (lmd barumsa 7 qabxii 4)

6. Haasaa

(Daq. 4) lmd kutaa dabalataa A qabxii 7—Mata duree: Haati Manaa Takka Abbaa Manaa Ishii Garaadhaa Kabajuu Qabdi. (th qoʼannaa 1)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 59

7. Yihowaan Gammadaa Akka Taatu Barbaada

(Daq. 10) Mariidhaan kan dhihaatu.

Yihowaan Waaqa gammadaadha. (1Xim 1:11) Yihowaan baayʼee akka nu jaallatuu fi gammadoo akka taanu akka barbaadu argisiisuuf kennaawwan dinqisiisoo hedduu nuu kenneera. (Lal 3:12, 13) Kennaawwan kana keessaa nyaataa fi sagalee akka fakkeenyaatti haa ilaallu.

VIIDIYOO Uumamni Yihowaan Akka Gammadnu kan Barbaadu Taʼuu Isaa Mirkaneessa— Nyaata Miʼaawaa fi Sagaleewwan Gammachiisaa jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Yihowaan nyaata nuu kennuun isaa fi sagaleewwan adda addaa akka dhageenyu gochuun isaa akka gammadnu akka barbaadu kan argisiisu akkamitti?

Faarfannaa 32:8 dubbisi. Achiis, akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Yihowaan akka gammaddu akka barbaadu beekuun kee qajeelfama inni karaa Kitaaba Qulqulluu fi karaa Jaarmiyaa isaa kennu dhagaʼuuf kan si kakaasu akkamitti?

8. Akka Gumichaaf Barbaachisutti Itti Fayyadamaa

(Daq. 5)

9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

Yaada Xumuraa (Daq.3) | Faarfannaa 85 fi Kadhannaa