Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amajjii 15-21

IYYOOB 36-37

Amajjii 15-21

Faarfannaa 147 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Abdiin Jireenya Bara Baraa Waaqayyo Kenne Akka Raawwatamu Kan Amantu Maaliifi?

(Daq. 10)

Yihowaan iyyuu bara baraaf jiraata (Iyo 36:26; w15-AM 10/1 13 key. 1-2)

Yihowaan ogummaa fi humna jireenya itti fufsiisuuf isa dandeessisu qaba (Iyo 36:27, 28; w20.05 22 key. 6)

Yihowaan bara baraaf akkamitti akka jiraannu nu barsiisa (Iyo 36:4, 22; Yoh 17:3)


Abdii jireenya bara baraa Waaqayyo kenne irratti amantii cimaa qabaachuun rakkoowwan nu mudatan dandamachuuf nu gargaara.—Ibr 6:19; w22.10 28 key. 16.

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Iyo 37:20—Biyyoota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman gidduutti oduu fi odeeffannoon akkamitti daddarba ture? (it-1-E 492)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) LALLABA ADABAABAYII. (lmd barumsa 3 qabxii 3)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. (lmd barumsa 2 qabxii 5)

6. Wanta Itti Amantu Ibsi

(Daq. 5) Haasaa. ijwfq 57 key. 5-15—Mataduree: Dhugaa Baatonni Yihowaa Bara Bulchiinsa Naaziitti Ariʼatamni Kan Isaan Irra Gaʼe Maaliifi? (th qoʼannaa 18)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 49

7. Yaalii Fayyaa ykn Yaalii Baqaqsanii Walʼaanuu Isin Mudachuu Dandaʼuuf Qophaaʼaa

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu. Jaarsa gumiidhaan kan dhihaatu.

Jaarmiyaan Yihowaa seera Waaqayyo dhiiga ilaalchisee baaseef ajajamuuf wantoota nu gargaaran nuuf qopheesseera. (HoE 15:28, 29) Wantoota kanatti sirriitti fayyadamaa jirtuu?

Kaardii Qajeelfama Yaalii Fayyaa (DPA) fi Waraqaa Eenyummaa (ic): Kaardiiwwan kun yaaliidhaaf dhiigatti fayyadamuu ilaalchisee fedhii dhukkubsatichaa ibsu. Babalʼistoonni cuuphaman tajaajilaa barreeffamaa irraa ofiisaaniif kaardii kana fudhachuu fi ijoollee isaanii xixinnoof immoo waraqaa eenyummaa fudhachuu dandaʼu. Kaardii kana yeroo hundumaa qabachuu qabna. Kaardii kana akka haaraatti guutuu ykn haaressuu qabdu yoo taʼe harʼa boru hin jedhinaa.

Odeeffannoo Haadholii Ulfaaf Taʼu (S-401) akkasumas Odeeffannoo Namoota Yaaliin Baqaqsanii Walʼaanuu Ykn Keemooteeraappiin Godhamuufiif Taʼu (S-407): Waraqaawwan kun dhimmoota dhiigaa wajjin wal qabatan dabalatee yaalii fayyaaf sirriitti qophaaʼuuf nu gargaaru. Ulfa yoo taatan ykn yaaliin baqaqsanii walʼaanuu ykn yaaliin kaansarii isin barbaachisa taanaan waraqaa isin ilaallatu jaarsolii keessan biraa fudhadhaa.

Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu (HLC): Miseensonni koree kanaa jaarsolii dhiiga ilaalchisee doktarootaa fi babalʼistootaaf odeeffannoo kennuuf akka gaariitti leenjiʼanidha. Obboloonni kun yaaliiwwan bakka dhiigaa kennaman ilaalchisee doktara isin yaaluu wajjin mariʼachuu ni dandaʼu. Yoo barbaaddan, doktara murtoo keessan isiniif kabaju argachuu irratti isin gargaaruu dandaʼu. Obboloonni kun torban guutuu saʼaatii 24nu ni argamu. Hospitaala ciisuuf jettu taanaan ykn yaaliin baqaqsanii walʼaanuu ykn yaaliin kan biraan kan akka yaalii kaansarii isiniif godhamuuf jedha taanaan, yaaliin kun dhiiga fudhachuu kan hin gaafanne fakkaatullee dafaa Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu qunnamaa. Qajeelfamni kun warra ulfa taʼaniifis ni hojjeta. Gargaarsa yoo barbaaddan teessoo koree kanaa jaarsa tokko gaafadhaatii fudhadhaa.

VIIDIYOO Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu—Kan Isin Gargaaru Akkamitti? jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

Yaaliin fayyaa ykn yaaliin baqaqsanii walʼaanuu yoo isin barbaachise Koreen Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu akkamitti isin gargaaruu dandaʼa?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 67 fi kadhanna