Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amajjii 22-28

IYYOOB 38-39

Amajjii 22-28

Faarfannaa 11 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Yeroo Fudhattanii Uumama Ni Ilaaltuu?

(Daq. 10)

Yihowaan erga lafa uumee booda, yeroo fudhatee wanta hojjete sirriitti ilaaleera (Uma 1:10, 12; Iyo 38:5, 6; w21.08 9 key. 7)

Maleekonni yeroo fudhatanii wanta Yihowaan uume ilaalaniiru (Iyo 38:7; w20.08 14 key. 2)

Yeroo fudhannee wanta Waaqayyo uume yoo ilaallee fi yoo dinqisiifanne amanannaa Yihowaan irratti qabnu cimsachuu dandeenya (Iyo 38:32-35; w23.03 17 key. 8)

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Iyo 38:8-10—Yihowaan qaama Seera Baasu taʼuu isaa ilaalchisee caqasoonni kun maal nu barsiisu? (it-2-E 222)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 2) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Namni sun mariʼachuuf fedhii akka hin qabne yeroo hubattu, marii keessan karaa gaarii taʼeen goolabi. (lmd barumsa 2 qabxii 3)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 5) MANAA GARA MANAA. Maree kanaan dura gootan irratti namichi, dhiheenya kana nama jaallatu duʼaan akka dhabe sitti himeera. (lmd barumsa 9 qabxii 3)

6. Haasaa

(Daq. 5) lmd kutaa dabalataa A qabxii 1—Mataduree: Taateewwan Yeroo Ammaa fi Amalli Namootaa Dhiheenyatti Jijjiiramni Akka Dhufu Argisiisu. (th qoʼannaa 16)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 111

7. Uumama Ilaaluun Dhimma Isa Hunda Caalaa Barbaachisaa Taʼe Yaadachuuf Nu Gargaara

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Iyyoob yeroo michoonni isaa sadanii fi Seexanni isa miidhanitti, rakkoowwan isarra gaʼanii fi dubbii dogoggoraa isa ceephaʼuuf dubbatame irratti xiyyeeffateera.

Iyyoob 37:14 dubbisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

Iyyoob karaa hafuuraa deebisee madaallii isaa eeggachuuf maal gochuun isa barbaachisee ture?

Rakkoon akka nutti baayʼate yommuu nutti dhagaʼamu, uumama ilaaluun keenya Yihowaan guddaa akka taʼe nu yaadachiisa, akkasumas fedhii isaaf amanamoo taanee jiraachuuf qabnu cimsachuu fi dandeettii inni nu kunuunsuuf qabu irratti amanannaa qabnu guddifachuuf nu gargaara.—Mat 6:26.

VIIDIYOO Barumsa Kitaaba Iyoob Irraa Argannu—Uumama Bineensotaa Irraa Maal Baranna? jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu.

Viidiyoon kun amantii Yihowaa irratti qabdan kan isiniif cimse akkamitti?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 54 fi Kadhannaa