Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amajjii 8-14

IYYOOB 34-35

Amajjii 8-14

Faarfannaa 30 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Haqni Akka Jalʼate Yommuu Nutti Dhagaʼamu Maal Gochuu Qabna?

(Daq. 10)

Yihowaan matumaa madda jalʼina haqaa akka hin taane yaadadhaa (Iyo 34:10; wp19.1 8 key. 2)

Hamoonni jalʼina haqaa raawwatanii utuu hin adabamin waan hafan fakkaachuu dandaʼa; taʼus Yihowaa jalaa dhokachuu hin dandaʼan (Iyo 34:21-26; w17.04 10 key. 5)

Karaan namoota jalʼinni haqaa irratti raawwatame gargaaruu itti dandeenyu inni guddaan waaʼee Yihowaa isaan barsiisuudha (Iyo 35:9, 10; Mat 28:19, 20; w21.05 7 key. 19-20)

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Iyo 35:7—Eliihuun, ‘Waaqni si irraa maal fudhata?’ jedhee yommuu Iyyoobiin gaafatu maal jechuu isaa ture? (w17.04 29 key. 3)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa namootaaf hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Kitaaba Qulqulluu Akka Qoʼatu Affeeri. (lmd barumsa 10 qabxii 3)

5. Marii Jalqabuu

( Daq. 4 ) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Odeeffannoo warra gargaaruuf qophaaʼe jw.org irraa akkamitti akka argatu nama ijoollee xixinnoo qabu tokkotti argisiisi. (lmd barumsa 1 qabxii 4)

6. Barattoota Gochuu

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 58

7. Karaa Alidilee Taʼeen ‘Dubbicha Lallabuuf’ Fedhii Qabdaa?

( Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Phaawulos, Ximotewosiin, “Dubbicha . . . hinaaffaadhaan lallabi” jedhee gorseera. (2Xi 4:2) Jechi Afaan Giriikii “hinaaffaadhaan lallabi” jedhamee hiikame, yeroo tokko tokko loltuu ykn waardiyyaa yeroo hunda tarkaanfii fudhachuuf qophaaʼee dhaabatu argisiisuuf itti hojjetameera. Jechi kun yeroo namootaa wajjin haasofnutti maree sanatti fayyadamnee dhugaa baʼuuf yeroo hunda dammaqoo taʼuu argisiisa.

Jaalalli Yihowaaf qabnuu fi dinqisiifannaan wanta inni nuuf godhe hundumaaf qabnu amalawwan gaggaarii inni qabu namoota kaanitti himuuf nu kakaasa.

Faarfannaa 71:8 dubbisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

Waaʼee Yihowaa wantoota gaggaarii akkamii warra kaanitti himuu barbaaddu?

Jaalalli namootaaf qabnus karaa alidileetiin dhugaa baʼuuf nu kakaasa.

VIIDIYOO Akkaataa Itti Namoonni Hedduun Dhugaa Kitaaba Qulqulluu Argatan jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  •   Karaa alidilee taʼeen lallabuun namoonni hedduun dhugaa Kitaaba Qulqulluu akka argatan kan gargaare akkamitti?

  •   Namoonni duraan miseensota waldaa kan biraa turan kun dhugaa barachuun isaanii faayidaa akkamii isaaniif argamsiise?

  • Jaalalli namootaaf qabnu karaa alidilee taʼeen lallabuuf kan nu kakaasu akkamitti?

  • Karaa alidilee taʼeen lallabuun namoonni Yihowaa akka beekan gargaaruu irratti buʼa qabeessadha kan jettu maaliif?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 138 fi Kadhannaa