Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Guraandhala 19-25

FAARFANNAA 8-10

Guraandhala 19-25

Faarfannaa 2 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. “Yaa Yihowaa . . . Sin Jajadha”!

(Daq. 10)

Yihowaan gaarummaa guddaa nutti argisiisa (Fr 8:3-6; w21.08 3 key. 6)

Waaʼee hojiiwwan isaa warra dinqisiisoo taʼanii warra kaanitti himuudhaan gammachuudhaan Yihowaa jajanna (Fr 9:1; w20.05 23 key. 10)

Garaa guutuudhaan faarfachuudhaanis isa jajanna (Fr 9:2; w22.04 7 key. 13)

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Karaawwan kan biroo kamiinan Yihowaa jajachuu dandaʼa?’

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 8:3—Faarfatichi quba Waaqayyoo yommuu jedhu maal jechuu isaa ture? (it-1-E 832)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Namni sun Waaqayyotti akka hin amanne sitti hime. (lmd barumsa 5 qabxii 4)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Maree kanaan dura gootan irratti namni sun Waaqayyotti akka hin amanne sitti himeera, garuu ragaa Uumaan akka jiru argisiisu qoruuf fedhii qaba. (th qoʼannaa 7)

6. Haasaa

(Daq. 5) w21.06 6-7 key. 15-18—Mataduree: Barataan Keessan Yihowaa Akka Jajatu Gargaaraa. (th qoʼannaa 10)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 10

7. Haasaama Keessa Karaa Alidilee Taʼeen Dhugaa Baʼuu

(Daq. 10) Mareedhaan kan dhihaatu.

Karaan caalaatti Yihowaa itti jajannu inni tokko namoota sochii keenya guyyaa guyyaa irratti argannuuf dhugaa baʼuudha. (Fr 35:28) Jalqaba irratti karaa alidilee taʼeen dhugaa baʼuun nu sodaachisuu dandaʼa taʼa. Haataʼu malee, haasaama keessa maree jalqabuu fi itti fufsiisuu yoo baranne buʼa qabeeyyii taʼuu fi itti gammaduullee ni dandeenya!

VIIDIYOO “Misiraachoo Nagaa” Labsuuf Dammaqoo Taʼaa—Dursa Fudhadhaa jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

Viidiyoo kana irraa barumsa karaa alidilee taʼeen dhugaa baʼuu irratti buʼa qabeessa taʼuuf isin gargaaru akkamii argattan?

Qabxiileen maree jalqabuuf si gargaaruu dandaʼan muraasni armaan gaditti ibsamaniiru:

  •   Yeroo manaa baatu hundatti carraa itti maree jalqabdu argachuuf yaali. Waaʼee kanaa kadhadhu. Akkasumas Yihowaan nama garaa qajeelaa qabu argachuuf akka si gargaaru isa gaafadhu

  •   Namoota argattu akka michuu isaaniitti isaanitti dhihaadhu, akkasumas dhuunfaatti xiyyeeffannaa isaaniif kenni. Dhugaa Kitaaba Qulqulluu xiyyeeffannaa isaa harkisu beekuuf akka si gargaaruuf waaʼee nama sanaa wanta tokko beekuuf yaali

  •   Haalli isaa mijataa yoo taʼe carraa itti teessoo waliif kennitan argachuuf yaali

  •   Dhugaa baʼuu kee dura haasaan keessan yoo addaan cite abdii hin kutatin

  •   Nama waliin haasoftu sanaa wajjin erga addaan baatee booda waaʼee namichaa yaadi. Liinkii caqasa tokkoo ykn jw.org irraa mataduree tokko isaaf erguudhaan xiyyeeffannaa isaaf kennuu kee itti fufi

Kana yaali: Namni tokko, ‘Sanbadduraa fi Dilbanni akkam ture?’ jedhee yoo si gaafate, wanta walgaʼii irratti baratte tokko ykn wanta yeroo Kitaaba Qulqulluu barsiistutti raawwatte itti himi.

8. Akka Gumichaaf Barbaachisutti Itti Fayyadamaa

(Daq. 5)

9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 65 fi Kadhannaa