Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Guraandhala 26–Bitootessa 3

FAARFANNAA 11-15

Guraandhala 26–Bitootessa 3

Faarfannaa 139 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Addunyaa Haaraa Isa Nagaa Qabeessa Taʼe Keessatti Of Ilaali

(Daq. 10)

Namoonni seera kabajuu diduun isaanii jeequmsa yeroo harʼaa argaa jirru geessiseera (Fr 11:2, 3; w06-AM 5/15 18 key. 3)

Yihowaan dhiheenyatti jeequmsa akka balleessu isa amanuu ni dandeenya (Fr 11:5; wp-AM 16.4 11)

Abdii fayyinaa Yihowaan nuu kenne irratti xiinxaluun keenya addunyaa haaraa obsaan eeggachuuf nu gargaaruu dandaʼa (Fr 13:5, 6; w17.08 7 key. 15)

KANA YAALI: Hisqiʼel 34:25 dubbisi, achiis iddoo naga qabeessa caqasicha irratti ibsame keessa akka jirtu godhii yaadi.—kr 266 key. 16.

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 14:1—Ilaalchi caqasa kana irratti ibsame Kiristiyaanota irrattillee dhiibbaa gochuu kan dandaʼu akkamitti? (w13 9/15 20 key. 12)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 2) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Namni haasofsiistu Ayyaana Yaadannoo irratti akka argamu affeeri. (lmd barumsa 5 qabxii 3)

5. Marii Jalqabuu

(Daq. 1) MANAA GARA MANAA. Namni haasofsiistu Ayyaana Yaadannoo irratti akka argamu affeeri. (lmd barumsa 3 qabxii 4)

6. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Namni haasofsiistu Ayyaana Yaadannoo irratti akka argamu affeeri. (lmd barumsa 7 qabxii 4)

7. Barattoota Gochuu

(Daq. 5) lff barumsa 13 maal baratte, irra deebii fi galma. Barataan kee ilaalcha Waaqayyo amantii sobaatiif qabu akka hubatu gargaaruuf mata duree kutaa “Qorannoo Dabalataa Godhi” jedhu keessa jiru tokko fayyadami. (th qoʼannaa 12)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 8

8. “Ogummaan Meeshaawwan Waraanaa Irra Wayya”

(Daq. 10) Mareedhaan kan dhihaatu.

Addunyaa maratti jeequmsi dabalaa jira. Yihowaan jeequmsi arginuu fi nu irra gaʼu garmalee nu dhiphisuu akka dandaʼu beeka. Eegumsi akka nu barbaachisus ni hubata. Karaan inni itti eegumsa nuuf godhu inni tokko Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluudhaani dha.—Fr 12:5-7.

Kitaabni Qulqulluun ogummaa isa ‘meeshaawwan waraanaa irra wayyu’ qabateera. (Lal 9:18) Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu armaan gadii jeequmsa irraa of eeguu irratti akkamitti akka nu gargaaran ilaali.

  • Lal 4:9, 10—Iddoo fi haala balaaf nama saaxilu keessa kophaa kee hin taʼin

  • Fak 22:3—Bakka namoonni itti baayʼatan jirta yoo taʼe yeroo hundumaa dammaqaa taʼiitii wanta naannoo keetti raawwatamaa jiru hordofi

  • Fak 26:17—Falmii si hin ilaallanne keessa hin galin

  • Fak 17:14—Jeequmsi uumamuuf akka jedhu yoo hubatte bakka sanaa deemi. Namoota mormiidhaaf walitti qabaman irraa fagaadhu

  • Luq 12:15—Qabeenya kee oolchuuf jettee matumaa lubbuu kee balaadhaaf hin saaxilin

VIIDIYOO Warra Amantii hin Qabnee Utuu hin Taʼin, Fakkeenya Warra Amanamoo Taʼanii Hordofaa—Laameekiin Utuu hin Taʼin, Heenokiin jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

Fakkeenyi Henook, yeroo jeequmsi uumametti murtoo abbaan viidiyicha irratti mulʼatu godhee fi amala inni argisiise irratti dhiibbaa kan godhe akkamitti?—Ibr 11:5

Haalawwan tokko tokko keessatti Kiristiyaanni tokko ofii isaa ykn qabeenya isaa eeguuf wanta dandaʼu gochuu akka qabu itti dhagaʼamu dandaʼa. Akkas gochuuf yoo murteesse, lubbuu akka hin balleessinee fi dhiiga dhangalaasuudhaan yakkamaa akka hin taane wanta dandaʼe hunda gochuu qaba.—Fr 51:14; “Gaaffii DubbistootaaMasaraa Eegumsaa Adoolessa 2017 irratti baʼe ilaali.

9. Duulli Ayyaana Yaadannoo Sanbadduraa Bitootessa 2 Jalqaba

(Daq. 5) Haasaa jaarsa gumiidhaan dhihaatu. Qophii gumichi duula affeerrii, haasaa addaa fi kabaja Ayyaana Yaadannootiif godhe ibsi. Babalʼistoonni jiʼa Bitootessaa fi Eblaatti saʼaatii 15 guutuudhaan qajeelchaa gargaaraa taʼuu akka dandaʼan yaadachiisi.

10. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 40 fi Kadhannaa