Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYOOB 1-5

Iyoob Yeroo Qorametti Amanamummaa Isaa Eegeera

Iyoob Yeroo Qorametti Amanamummaa Isaa Eegeera

Iyoob bara Israaʼeloonni garbummaa Gibxii jala turanitti Uz keessa jiraata ture. Lammii Israaʼel taʼuu baatus, amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffateera. Maatii balʼaa, qabeenya hedduu, akkasumas hawaasicha keessatti bakka guddaa qaba ture. Kana malees, gorsa gaarii kan kennuu fi nama utuu nama wal hin caalchisne murtii kennu ture. Hiyyeessotaa fi namoota harka qalleeyyii taʼaniif ni arjooma. Nama amanamummaa isaa eegee jiraate ture.

Iyoob, Yihowaan jireenya isaa keessatti bakka guddaa kan qabu taʼuu isaa argisiiseera

1:8-11, 22; 2:2-5

  • Seexanni, Iyoob nama amanamummadhaan jiraatu taʼuu isaa hubateera. Iyoob Yihowaadhaaf kan ajajamu taʼuu isaa kan hin haalle taʼus, kakaʼumsa isaa irratti gaaffii kaaseera

  • Seexanni, Iyoob Yihowaa kan tajaajilu ofittummaadhaan kakaʼee akka taʼe dubbate

  • Yihowaan, gaaffii Seexanni kaaseef deebii kennuuf, Iyoob isa amanamaa taʼe irra miidhaa akka geessisu isaaf heyyame. Seexanni guutummaa jireenya Iyoob irratti rakkina fide

  • Yeroo Iyoob amanamummaa isaa eegutti immoo, Seexanni amanamummaa namoota kaanii hunda irratti gaaffii kaase

  • Iyoob cubbuu hin hojjenne ykn wanta isa irra gaʼeef Waaqayyoon hin komanne