Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ittiin Lixa

Ittiin Lixa

MASARAA EEGUMSAA

Gaaffii: Yaada caqasa kana irra jiru beektaa?

Caqasa: Yoh 3:16

Barreeffamicha Kennuuf: Maxxansi Masaraa Eegumsaa kun Yesus dhiphachuu fi duʼuun isaa akkamitti akka si fayyaduu dandaʼu ibsa.

MASARAA EEGUMSAA (fuula dhumaa)

Gaaffii: Mee gaaffii kanaaf deebiiwwan yeroo baayʼee kennaman qalbeeffadhu. [Gaaffii jalqabaa fi deebiiwwan kennaman sadan dubbisi.] Ati hoo maal jetta?

Caqasa: Mat 4:1-4

Barreeffamicha Kennuuf: Diiyaabilos Yesusii wajjin kan dubbatee fi kan isa qore erga taʼee, Diiyaabilos amala hammeenyaa qofa miti jechuu dha. Kitaabni Qulqulluun Diiyaabilosiin ilaalchisee wanta ibsu kan biraa qabaa? Mata dureen kun dhimma kana irratti ibsa balʼaa kenna.

WARAQAA AFEERRII AYYAANA YAADANNOO

Waraqaa Afeerrii Kennuuf: Namoonni ayyaana adda taʼe tokko irratti akka argamaniif waraqaa afeerrii kana kennaa jirra. [Waraqaa afeerrii kenniif.] Bitootessa 14, 2008 (Bitootessa 23, 2016) namoonni addunyaa maratti argamanii fi miliyonaan akkaaʼaman, duʼa Yesus Kiristos kabajuu fi haasaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi duuti isaa akkamitti akka nu fayyadu ibsu dhaggeeffachuuf walitti qabamu. Waraqaan afeerrii kun saʼaatii fi iddoo walgaʼiin kun naannoo keenyatti itti geggeeffamu qabateera. Walgaʼii kana irratti utuu argamtee natti tola.

ITTIIN LIXA MATAA KEE QOPHEEFFADHU

Ittiin lixa mataa kee qopheeffachuuf haala fakkeenyonni armaan olii ittiin qophaaʼan hordofi.