Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYOOB 6-10

Iyoob Inni Amanamaan Dhiphina Isaa Ibse

Iyoob Inni Amanamaan Dhiphina Isaa Ibse

Iyoob qabeenya isaa fi ijoollee isaa hunda kan dhabee, akkasumas dhukkuba cimaadhaan kan qabame taʼus, amanamaa taʼee jiraateera. Kanaaf Seexanni abdii isa kutachiisuudhaan amanamummaa isaa akka dhiisu gochuuf yaalii godhee ture. Hiriyoonni isaa sadan ni dhufan. Jalqaba, namoota duratti gadda isaanii ibsan. Achiis jecha nama jajjabeessu tokko illee Iyoobitti utuu hin dubbatin, guyyaa torbaaf callisanii isaa wajjin taaʼan. Wanti isaan sana booda dubbatan garuu ceephoo fi komii cimaadhaan kan guutame ture.

Iyoob dhiibbaa cimaan isa irra gaʼus Yihowaadhaaf amanamaa taʼee jiraateera

6:3; 7:16; 9:20-22; 10:1, 12

  • Gaddi cimaan isa irra gaʼe Iyoob ilaalcha dogoggoraa akka qabaatu isa godheera. Inni amanamaa taʼee jiraachuun isaa Waaqayyo duratti faayidaa akka hin qabne dogoggoraan yaadee ture

  • Iyoob abdii waan kutateef, wanta rakkina isaatiif sababii taʼuu dandaʼu kan biraa irratti hin yaadne

  • Iyoob gadda cimaa irra kan ture taʼus, jaalala Yihowaadhaaf qabu namoota isa ceephaʼanitti himuu isaa itti fufeera