Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Abdii Duʼaa Kaʼuu Furichi Argamsiise

Abdii Duʼaa Kaʼuu Furichi Argamsiise

Ayyaanni Yaadannoo eebbawwan furichi gara fuulduraatti argamsiisu irratti xiinxaluuf carraa gaarii nu bana. Eebbawwan kana keessaa tokko abdii duʼaa kaʼuu ti. Yihowaan namoonni akka duʼan matumaa kaayyoo isaa hin turre. Namni jaallannu yeroo duʼu garmalee kan gaddinu kanaafi dha. (1Qor 15:26) Yesus barattoonni isaa duʼa Alaazaaritti yommuu gaddan yeroo argu baayʼee gaddee ture. (Yoh 11:33-35) Yesus guutummaatti amala Abbaa isaa waan calaqqisiisuuf, Yihowaanis nama jaallannu duʼaan dhabnee yommuu gaddinu baayʼee akka gaddu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Yoh 14:7) Yihowaan tajaajiltoota isaa duʼan yeroo itti duʼaa kaasu hawwiidhaan eeggata; nutis hawwiidhaan eeggachuu qabna.—Iyo 14:14, 15.

Yihowaan Waaqa seera qabeessa waan taʼeef, duʼaa kaʼuun karaa seera qabeessa taʼeen raawwatama jennee eeguun keenya sirrii dha. (1Qor 14:33, 40) Sirni awwaalchaa hafee, duraa duubaan namoota duʼaa kaʼan simanna. Keessumaa yeroo gaddaatti, abdii duʼaa kaʼuu irratti ni xiinxaltuu? (2Qor 4:17, 18) Yihowaan furicha qopheessuu isaatii fi namoonni duʼan duʼaa akka kaʼan Kitaaba Qulqulluu keessatti nuuf ibsuu isaatiif isa ni galateeffattuu?—Qol 3:15.

  • Michoota ykn firoota kee keessaa eenyuun arguu hawwita?

  • Namoota Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasaman keessaa, keessumaa eenyuun argachuu fi haasofsiisuu barbaadda?