Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYOOB 11-15

Iyoob Abdii Duʼaa Kaʼuu Irratti Amantii Cimaa Qaba Ture

Iyoob Abdii Duʼaa Kaʼuu Irratti Amantii Cimaa Qaba Ture

Iyoob Waaqayyo duʼaa isa kaasuuf dandeettii akka qabu akka amanu dubbateera

14:7-9, 13-15

  • Iyoob Yihowaan duʼaa isa kaasuuf dandeettii qabaachuu isaa akka amanu fakkeenyaan ibsuuf, muka tokkotti tarii immoo muka ejersaatti hin fayyadamin hin oolu

  • Hiddi muka ejersaa baayʼee kan babalʼatu taʼuun isaa, gufuun isaa yoo balleeffame illee deebiʼee latuuf isa dandeessisa. Hiddi isaa goguu baannaan deebiʼee lata

  • Ongee cimaa booda bokkaan yeroo roobu, gufuun muka ejersaa gogee ture deebiʼee lubbuu kan godhatu siʼa taʼu, hiddi isaa latee “akka biqiltuu haaraas damee in baasa”