Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Bitootessa 7-13

Bitootessa 7-13

Bitootessa 7-13

Asteer 6-10

Faarfannaa 33 fi Kadhannaa

• Yaada Seensaa (Daq. 3 ykn isaa gad)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Asteer Yihowaa fi Saba Isaatiif Jecha Tarkaanfii Fudhatteetti”: (Daq. 10)

As 8:3, 4—Asteer iddoo miidhaan irra hin geenye jiraattus, warra kaaniif jecha lubbuu ishii balaadhaaf saaxilteetti (ia 164-165 key. 24-25)

As 8:5—Asteer tooftaadhaan Ahashwerosiin haasofsiiste (w06-AM 3/1 ful. 11 key. 8)

As 8:17—Namoonni hedduun qomoo isaanii gara Yihudiitti geddaratan (w06-AM 3/1 11 key. 3)

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 8)

As 8:1, 2—Raajiin Yaaqoob yeroo duʼuu jala gaʼe, Beniyaamin ‘galgala boojuu akka hiru’ dubbate kan raawwatame akkamitti? (ia 164 saanduqa)

As 9:10, 15, 16—Labsichi boojuu akka fudhatan kan isaaniif heyyamu taʼus, Yihudoonni akkas gochuu kan hin barbaanne maaliifi? (w06-AM 3/1 11 key. 4)

Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torban kanaa waaʼee Yihowaa maal na barsiisa?

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa qabxiin tajaajila irratti itti fayyadamuu dandaʼu isa kami?

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: As 8:1-9 (Daq. 4 ykn isaa gad)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

Ittiin Lixa Jiʼa Kanaa Qophaaʼi: (Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu. Ittiin lixa viidiyoodhaan qophaaʼan sadan taphachiisi; achiis irratti mariʼadhaa. Sana booda, mata duree “Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Ittiin Lixa Barruu Mataa Kee Qopheeffadhu” jedhu irratti mariʼadhaa.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 21

Keessummoota Simadhaa”: (Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu. Babalʼistoonni Ayyaana Yaadannoo bara darbe kabajame irratti keessummoota simachuuf dursa fudhachuu isaaniitiin muuxannoo gaarii argatan akka dubbatan afeeri. Muuxannoon gaariin tokko hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.

Qayyabannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: ia Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergamee fi Seensa 1-15 (Daq. 30)

• Irra Deebii fi Yaada Gabaabaa Barumsa Torban itti Aanuu (Daq. 3)

• Faarfannaa 147 fi Kadhanna