Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Beekumsa Dubbii Waaqayyoo Irraa Argamu | ASTEER 6-10

Asteer Yihowaa fi Saba Isaatiif Jecha Tarkaanfii Fudhatteetti

Asteer Yihowaa fi Saba Isaatiif Jecha Tarkaanfii Fudhatteetti

Asteer Yihowaa fi saba isaatiif jecha ija jabinaa fi haala ofittummaa irraa walaba taʼeen tarkaanfii fudhatteetti

8:3-5, 9

  • Asteerii fi Mordekaayi iddoo miidhaan isaan irra hin geenye jiraatu turan. Labsiin Haamaan Yihudoota hunda ficcisiisuuf baase garuu guutummaa bulchiinsa sanaatti ergamee ture

  • Asteer utuu hin afeeramin mooticha duratti dhihaachuudhaan ammas lubbuu ishii balaadhaaf saaxilte. Labsii suukanneessaa baʼe akka hambisuuf boossee saba ishiitiif Mooticha kadhatte

  • Seerri maqaa mootichaatiin baʼe hafuu hin dandaʼu. Kanaaf mootichi seera haaraa akka baasaniif Asteerii fi Mordekaayiif aangoo kenne

Yihowaan saba isaatiif injifannoo guddaa kenne

8:10-14, 17

  • Labsii lammaffaan Yihudoonni mirga diinota isaanii of irraa ittisuu akka qaban ibsu ni baʼe

  • Abbootiin fardaa guutummaa bulchiinsa sanaatti ergicha geessan saffisaan geessan; Yihudoonnis waraanaaf qophaaʼan

  • Namoonni hedduun Waaqayyo Yihudootaa wajjin jiraachuu isaa waan hubataniif, qomoo isaanii gara Yihudiitti geddaratan