Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Ittiin Lixa Barruu Mataa Kee Qopheeffadhu

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Ittiin Lixa Barruu Mataa Kee Qopheeffadhu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? Ittiin lixawwan barreeffama qoʼannaa walgaʼii irratti baʼan yaada gaarii kan qabatan taʼus, akka fakkeenyaatti kan dhihaatan qofa dha. Ittiin lixa kenname jecha mataa keetiin dubbachuu qabda. Mala kan biraatti fayyadamuuf filachuu dandeessa; ykn naannoo keetiif caalaatti kan taʼu mata duree biraa akka taʼe sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Yoo akkas taʼe, barruu sana erga dubbistee, ittiin lixa qophaaʼe erga ilaaltee, akkasumas ittiin lixa viidiyoodhaan dhihaatu erga ilaaltee booda, yaadawwan armaan gadiitti fayyadamuudhaan ittiin lixa mataa kee qopheeffachuu dandeessa.

KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

‘Ittiin lixawwan kennaman keessaa isa tokkotti fayyadamuun barbaadaa?’ jedhii of gaafadhu

EEYYEE

  • Wanta jalqaba dubbattu qophaaʼi. Nagaa erga gaafattee booda sababii itti achi dhaqxe gabaabsii dubbadhu. (Fakkeenyaaf: “Kanan dhufe . . . “)

  • Gaaffii irraa gara caqasaatti, achiis gara barreeffamicha kennuutti akkamitti akka ceetu yaadi. (Fakkeenyaaf: Caqasa tokko beeksisuuf akkana jechuu dandeessa: “Gaaffii kanaaf deebii quubsaa as irraa argachuu dandeessa.”)

LAKKI

  • Barruu sana keessaa mata duree si hawwatee fi naannoo tajaajilaa keetiif taʼu filadhu Gaaffii yeroo deddeebii gaaffii gootu deebistu tokko qophaaʼi

  • Gaaffii ilaalchaa fedhii nama sanaa kakaasuu fi maree akka gootan gargaaru, garuu nama sana hin saalfachiisnetti fayyadami. (Fakkeenyaaf: Gaaffiiwwan barruu sana fuula 2 irratti argaman taʼuu dandaʼu.)

  • Caqasa dubbistu tokko filadhu. (Dammaqaa! kan kennitu taanaan, barruun kun namoota beekumsa Kitaaba Qulqulluu muraasa qabanii fi namoota amantii jibbaniif kan qophaaʼu waan taʼeef, caqasa dubbisuun filannoodhaaf kan dhiisame dha.)

  • Namni sun mata duree sana dubbisuudhaan faayidaa akkamii akka argatu ibsuuf hima tokko ykn lama barreeffadhu

DEEBIIN ISAA LAMAAN IYYUU YOO TAʼE

  • Gaaffii yeroo deddeebii gaaffii gootu deebistu tokko qophaaʼi

  • Wanta yeroo itti aanu itti himuu barbaaddu yaadachuuf yaadannoo qabadhu