Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Keessummoota Simadhaa

Keessummoota Simadhaa

Bitootessa 14, 2008 (Bitootessa 23, 2016) namoonni miliyoona 12 ykn isaa ol taʼan Ayyaana Yaadannoo irratti nu wajjin argamu jedhamee eegama. Obboleessi haasaa dhiheessu furii Yihowaan qopheessee fi eebba furichi gara fuulduraatti ilmaan namootaatiif argamsiisu ibsuudhaan karaa buʼa qabeessa taʼeen namootaaf dhugaa baʼa! (Isa 11:6-9; 35:5, 6; 65:21-23; Yoh 3:16) Haa taʼu malee, guyyaa addaa kanatti dhugaa kan baʼu obboleessa haasaa dhiheessu kana qofa miti. Hundi keenya miira hoʼaadhaan keessummoota simachuudhaan qooda fudhachuu dandeenya. (Rom 15:7) Yaadawwan kana gochuuf nu gargaaran tokko tokko armaan gaditti argamu.

  • Hamma sagantichi jalqabutti taaʼuu mannaa, keessummootaa fi obboloota tajaajila dhaaban miira hoʼaa fi michummaadhaan simadhaa

  • Namoota beektanii fi dhuunfaadhaan afeertaniif xiyyeeffannaa addaa kennuu kan qabdan taʼus, namoota afeeramanii dhufan kaanis simachuuf dammaqoo taʼaa. Namoonni haaraan isinii wajjin akka taaʼan afeeraa; Kitaaba Qulqulluu fi kitaaba faarfannaa isaanitti argisiisaa

  • Haasaa sana booda, gaaffii isaaniitiif deebii kennuu akka dandeessan itti himaa. Gumiin keessan gumii kan biraatiif galmicha dafee waan gadhiisuuf yeroo gaʼaa kan hin qabne yoo taʼe, guyyoota muraasa gidduutti nama sana dhaqxanii haasofsiisuuf qophii godhaa. Nama sana ilaalchisee odeeffannoo hin qabdan taanaan, akkana jechuu dandeessu: “Saganticha ilaalchisee wanta sitti dhagaʼame utuu natti himtee natti tola. Karaan itti wal arguu dandeenyu jiraa?”