Albaaniyaa keessatti Irbaata Gooftaatiif namoota yommuu afeeran

BARREEFFAMA QO'ANNAA WALGA'II JIREENYAA FI TAJAAJILA KIRISTIYAANAA Bitootessa 2017

Ittiin Lixa

Ittiin lixa Masaraa Eegumsaa fi waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dhugaa barsiisuuf gargaaru. Yaadawwan kana irratti hundaaʼiitii ittiin lixa mataa kee qopheeffadhu.

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

“Ani Si Oolchuudhaaf Sii Wajjinan Jira”

Ermiyaas yommuu Yihowaan raajii godhee isa muude itti gaafatamummaa fudhachuuf gaʼumsa hin qabu jedhee ture. Yihowaan akka isa gargaaru akkamitti mirkaneesseef?

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Fedha Waaqayyoo Raawwachuu Dhiisan

Israaʼeloonni aarsaan fakkeessuuf dhihaatu amala gadhee dhoksa jedhanii yaadanii turan. Ermiyaas cubbuu fi fakkeessitummaa isaanii ija jabinaan saaxileera.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yeroo harʼaa fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?Akkamitti Itti Fayyadamna?

Namoota qoʼachiistu waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa, waaʼee sochii keenyaa fi jaarmiyaa keenyaa akka beekan gargaaruuf birooshura kanatti fayyadami.

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Ilmaan Namootaa Milkaaʼina Argachuu kan Dandaʼan Qajeelfama Yihowaa yoo Hordofan Qofa Dha

Israaʼel durii keessatti, namoonni qajeelfama Yihowaa hordofan nagaa, gammachuu fi badhaadhina argatu turan.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Waaqayyoon Dhaggeeffadhu—Akkamitti Itti Fayyadamna?

Namoota akka gaariitti dubbisuu hin dandeenye barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu barsiisuuf fakkiiwwanii fi caqasootatti fayyadami.

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Israaʼeloonni Yihowaa Irraanfatan

Yihowaan Ermiyaas sabbata quncee talbaa irraa hojjetame kiiloo meetira 500 deemee Laga Efraaxiisitti akka awwaalu yommuu gaafatu maal fakkeenyaan ibsaa ture?

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Maatiin Keessan Yihowaa Akka Yaadatu Gargaaraa

Sagantaan Waaqeffannaa Maatii dhaabbataa fi gammachiisaan maatiin keessan Yihowaa akka yaadatu gargaara. Gama kanaan rakkoo isin mudatu akkamitti moʼuu dandeessu?