Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ittiin Lixa

Ittiin Lixa

MASARAA EEGUMSAA

Gaaffii: Kennaa Waaqayyoo nuuf kenne keessaa inni hunda irra caalu isa kami dha jetta?

Caqasa: Yoh 3:16

Barreeffamicha Kennuuf: Masaraan Eegumsaa kun Waaqayyo Yesuus nuuf jedhee gara lafaa dhufee akka duʼu kan godhe maaliif akka taʼee fi kennaa kana akka dinqisiifannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.

MOOTUMMAAN WAAQAYYOO MAALIDHA?

Gaaffii: [Fuula jalqaba tiraaktichaa itti argisiisi.] Gaaffii kanaaf deebii maalii kennita? Mootummaan Waaqayyo wanta garaa keenya keessa jirudhaa? Fakkeenyaan kan ibsamedhaa? Moo bulchiinsa samii irratti argamudha?

Caqasa: Dan 2:44; Isa 9:6

Barreeffamicha Kennuuf: Tiraaktiin kun Mootummaan Waaqayyoo maal akka taʼe beekuun kee faayidaa akkamii akka siif argamsiisu ibsa.

WARAQAA AFEERRII AYYAANA YAADANNOO

Barreeffamicha Kennuuf: Ayyaana addaa tokko irratti namoota afeeraa jirra. [Waraqaa afeerrii sana kenniif.] Ebla 3, 2009 (Ebla 11, 2017) namoonni miliyonaan lakkaaʼamanii fi addunyaa maratti argaman, duʼa Yesuus Kiristoos kabajuu fi haasaa duuti isaa akkamitti akka nu fayyadu ibsu dhaggeeffachuuf walitti qabamu. Waraqaan afeerrii kun, saʼaatii fi iddoo walgaʼiin kun itti geggeeffamu qabateera. Atis utuu irratti argamte natti tola.

ITTIIN LIXA MATAA KEE QOPHEEFFADHU

Ittiin lixa mataa kee qopheeffachuuf haala fakkeenyonni armaan olii ittiin qophaaʼan hordofi